Barrefanno fayyaa

  Dhukuba busaa

  Dhukuba xannee

  Garaa kaasaa

  Qoricha malee

  Qulqullina nyaata

  Tasiboo
  Qaama Gubaa
  Golfaa
  Burn (Gubaa)
  Unconciousness
  Being chocked
  Nyaata (Nutrition)
Your comment on the site

 

 

 
Qaama gubaa(layyidaa) 
("Fever in general")



Yoo nanna gubaa tokko bulti kudha shanii gadi nama irra ture kan hin
qancarre jedhama (xobbe yookaan kan ammaa- acute jechuudha).
Gababaadhummatti sababi isaa dhukkuba yeroo gababaaf nama dhukkubu ta’uu ni danda’a(acute fever). Yoo layyidaan yookaan dhanna gubaan tokko bulti kadha shanii ol nama irra ture garuu qancara jedhama(turaa ykn guboo) chronic fever)

Lafa laabooraatooriin jirutti isa kamiin akka ta’e dhukkuboota baayyee
gargar baafachuun salphaa yoo ta’ee iyyuu dhukkuba nanna gubaa kan fidu maal akka ta’e baruun nama rakkisa keesumaa bakka laabooraatooriin hin jirretti.

Walumaa galatti ummata bala’aa hubachiisuuf layyidaa yookiin nanna guba nama irra tueee fi nama irra hin turre jennee iddoo lammatti qooduun wallaans fayyaaf kennamuuf waan nama gargaaruuf mana yaalaa( man hakiimii) ugguu dhaqan kana mataatti qabatanii dhaquun haaala tajaajilaa mijeessa.

Qormaata yeroo hundumaa layyidaaf yookiin nanna gubaaf laabooraatooriitti godhamu

1. Qormaata dhiiga keessatti buseef (busaaf) godhamu.

2. Lakkoobsa dhiiga adii fi akaakuu dhiiga adii dhiiga adii keessa jiran

Yoo jermiin busee dhiiga keessatti argame dhukkubi isaa busee duwwaa ta’u waan danda’uuf wallaansa buseedhaaf ta’u kennuudha. Yoo jermiin busee dhiiga keessatti argamuu baate dhiigi lakkobsii dhiiga adii itti dabaluu baatee ammas dhukkubi kun busaa tahuu ni danda’atii wallaansa busaaf tahu kennuu barbaachisa bakka busaan jirutti.

Yoo jermiin busaa dhiiga keessatti argame, lakkoobsi dhiiga adiis ol ka’e
sababiin layyidaa kanaa dhukkuba busee biratti dhukkuba biraa jiraachuu waan danda’uuf dhukkubicha maal akka ta’e baruuf qormaata biraa barbaachisa.

A Dhukkubsooti layyidaa yookaan dhanna gubaa xobbee( kan ammaa)—yeroo gabaabaaf godhatan(acute) fi lakkoobsi dhiiga isaanii inni adiin yoo ol ka’e dhukkuba kanaan gadii qabaachuu ni danda’u.

1. Dhukkuba laagaa keessaa-kan akka dhukkuba huuba qoonqoo

2. Michii sombaa-kan qufa’aa, qoma diraa(waraansa qoma’aa) fi hancufa
xura’ee tufuu ni qaba’aata.

3. Dhukkuba buusaa yookiin aangoo - Kun dhukkuba guddaa fi hiitoo
buusaa yookiin aangoo ni qabaata.

4. Dhukkuba kalee- kan dafee dafee finceessisu, ugguu finca’aani
dhukkubbii namatti dhagahaamu fi dhukkubbii mudhii qabaachuu ni danda’a.

5. Dhukkuba boquu yookaan morma haqaaqaa(meningitis)- Kun dhukkuba
guddaa mataa fi qolee keessa jiraatee morma gossa.

6. Dhukkuba lafee-dhukkubbii guddaa lafee keessatti namatti dhagaahama.

7. Dhukkuba malaa harkee taahumsaa (randa)(pelvic abscess)- kun
dhukkubbi guddaa huffaa keessatti namatti dhagaahamu.

8. Dhukkuba garaa kaasaa dhiigaa-- Kun garaa kasaa bakteeriyyaadhaan
sababamu(raammoo ija keenyyaan arguu hin dandeenye)-basilaarii diizantirii, kaamplobaakter)

9. Malaa xannacha’a- Kun hiitoo xannacha’a wajjin walitti hidhatee
jira.

10. Dhukkuba gogaa iddoo murta’etti diimatee jiru(erysipelas)
bakteeriyyaadhaan kan sababamu

11. Dhukkuba gogaa gogaa irratti daangaa isaa baruu hin danda’
amne(cellulitis) –Kunis bakteeriyyaadhaan sababama.

Fageenya mana yaalaa (mana hakiimii) irraan kan ka’e dhukkubsatootni hedduun dhukkubooti kun erga nanna yookiin qaama namaa lixee waan gara mana yaalaa dhaqaniif maalummaan isaa baruun nama hin rakkisu.

B Nanna gubaa yeroo gababaatiif tahee lakkoobsi dhiiga adii ol ka’e jiru
keessatti garuu nanna namaa irratti iddoo murtaahetti dhukkubbiin yoo hin jiraanne dhukkubi kun kan ta’u danda’u

1. Dhiiga bakteeriyyaa adda addaatiin summa’ee tahuu ni danda’aa
Fakkeenyaf dhukkuba qola kutoota onnee(bacterial endocarditis)

2 Dhukkuba cinniinnaa tafkii antuuta irraa nama cinniinte irraa
dhufu, dhukkuba sabbata waaqayyoo fi dhukkubi kalee jiraachuu ni danda’a. Akkasumas nanna gubaa cinniinnaa silmii fi injiraan irraa dhufu. Kan akka golfaafaa jechuu dha.

3. Dhukkuba dhukkuba tasiboo(typhoid fever) hin taane garuu akkuma
golfaa nama dhukkuba. Mallattoon garaa dhukkubbii tokko tokko jiraachuu ni danda’a. Diddiimaa kan ta’an firii xaafii kan fakkaatani nanna namaa irratti yaa’aanii jiraachuu ni danda’u. Akkasumas kara bitaa chinaacha jalatti garaa keessatti hiitoon jiraachuu ni danda’a(splenomegaly)

C Nanna gubaa yeroo gababaatiif ta’e lakkoobsi dhiiga adii nagaa ykn
gilgila(normal) yoo ta’e akkasuma busaan dhiiga keessatti hin argamne yoo ta ’e. Kana keessatti harki guddaan dhukkuba vaayyirasii fi tasiboon dhufu ta’ a. Dhukkuba tasiboo keessatti nammi dhukkuba kana qabu kan wal irraa hincinne dhukkuba garaa keessaa himata.

D Baayyee barbaachisaa kan taa’aanii asi kan hin jedhamne nanna gubinaa waliin kan jiraatani

Isaanis,

1. Nanna namaa irratti shif jedhanii kan yaa’aani.

2. Xannachoota iddoo adda addaatti yaa’aani

3. Hiitoo cinaacha gara bitaa jalatti hiita’u

4. Dhiiga hirrina

5. Dhukkuba sabbata waaqayyoo(hepatitis)

6. Dhukkuba buusaa yookiin aangoo

Isaan kun akkuma nanna gubaa yeroo gabaabaa keessatti baruun baayyee barbaachisaa ta’an nanna gubaa turaa keessattis gargar baafachuun dhukkubi isaa maal akka ta’ee baruuf nama gargaara.

A Nanna gubaa yeroo gabaabaa fi dhukkubbi tiruu

1. Malaa tiruu dhukkuba ameebaa irraa kan dhufu ta’u ni danda’a

2. Dhukkuba sabbata waaqayyoo ta’uu ni danda’a

B Nanna gubaa yeroo gabaabaa fi xofxofii nanna namaa irraa dhiigu. Kan
dhukkuba akkasii fidu dandaa’aani gurguddaan lamaanii,

1. Dhukkuba qaama gubaa(layyidaa) vayyirasii(dengue, chikungunya,rift
valley fever)

2. Meningokokaal kan jedhamu bakteeriyyaadhaan kan sababamu summaa’uuu
dhiigaa. Dafanii dhukkuba kana irra gaahanii nama dhukkubsate sanaaf
wallaansa fayyaa kennuun du’a irraa isa oolcha.

Dhukkubooti xofxofiin nanna irraa utuu hin dhiigin nanna gubaa fidan
hedduutu jiru. Yoo qoricha busaaf kenname irraa kan ka’e xofxofii nanna
namaa irratti yaa’ee malee dhukkuba busaa duwwaadhaan xofxofiin qaama namaa irratti hin yaa’uu.

C Qaama gubaa gabaabaa dhiiga hirrinaa waliin- Harki guddaan dhukkuboota kana fidan,

1. Busaa.

2. Babesiosis—Dhukkubi kun ciniinnaa silmiitiin natatti darba. Dhukkubi
isaas dhukkuba qandhoo ykn busaa wajjin wal fakkaata.

3. Bartonellosis—Dhukkubi kun dhukkuba layyidaa dedeebi’aa wajjin wal
fakkata. Hedduun kan inni argamu biiyyoota Ameriikaa kibbaa keessatti.

4. Dhukkuba nama dhukkuba dhiiga hirrina turaa qabu(sickle-cell disease
or thalassaemia, or with G6PD deficiency). Lakkoobsi 1 fi 4 keesuma dhukkuba qaama gubaa gabaabaa dhiiga hirrina keessatti yeroo baayyee argamu. Dhukkubbiin buusaa(aangoon) baayyeen nama dhukkuba sanyiin dhufu dhukkuba dhiigaa(sickle-cell disease) qabu keessatti ni argama. Dhukkubi sabbata waaqayyoo nama dhalootan hirrina qimama(G6PD) qabu dhukkubi michii sombaa qabate keessatti ni argama.

Layyidaa(nanna gubaa) turaa guboo(chronic fever)

Nanna gubaa turaa ykn guboo jechuun layyidaa torban lamaa ol nama irra turu jechuudha. Al tokko tokko nanna gubaan gabaabaa fi nanna gubaan turaa ykn wal irraa dachaa’aanii argamu. Sababi isaas dhukkubi lamaan isaani ummani ayina tokko ta’e layyidaan isaa torban tokko duwwa turuu ni danda’a, al tokko tokko ammo torban lamaa ol tura. Fakkeenyaaf dhukkubi tasiboo(typhoid fever) nama tokko tokko keessatti guyyaa yaraa duwwaa layyidaa ummee dhiisa, garuu nama tokko tokko keessatti utuu wal irraa hin citini torban sadiif layyidaa ( nanna gubaa) namatti gadhiisa.

Dhukkubootni kanaan gadii warra layyidaa turaa fidan keessaa warra qooda ol aanaa qabani

1. Warra lakkoobsa dhiiga adii ol kaasan layyidaa turaa.
A Malaa qaama keessa dhokatee jiru- jechuun qaama keessa gadi fagaatee jiru

B Malaa tiruu ameebaadhaan sababamu

C Dhukkuba gogaa kan dhukkuba qurcii fakkaatu(erythema leprosum) Isaan sadan kana keessatti layyidaan utuu ol irraa hincitini jiraata.

D Dhukkuba hidda hadhooftuu(cholangitis)

E Dhukkuba layyidaa dedeebi’a( relapsing fever)
Isaan lamaan kana keessatti layyidaan takka ni dhufa takka takka
ammo ni bada.

2. Nanna gubaa(layyidaa) turaa ol ka’aa lakkoobsa akaakuu dhiiga adii
esinoofiili jedhamu(eosinophilia) wajjin werrerra kan sishistosoma(bilihaarziyaa) marrummaanii fi afuuffee finca’anii irraa.

A Summi dhiiga keessa faca’ee

B Werrerra dhukkuba fasciola hepatica tiruu

C Dhukkuba wuchereriyaa bankrooftii fi birugiyaa malaayyi hidda xannacha’a fidu(acute lymphangitis)

D Walitti tochoyyina larva migrans kuusa mi’a garaa toksocaaraa kaanisiin sababamu

3. Dhanna gubaa turaa gadi hirrina lakkoobsa akaakuu dhiiga adii ni’
utroofiiliis jedhamu (neutropenia) wajjin.

A Busaa

B Tb qaama keessa faca’ee

C Dhukkuba leyyishimaniyyaasis

D Dhukkuba aannan dheedhii dhuguu irraa fi itittuu dheedhii nyaachu irraan kan dhufu birusiloosis kan jedhamu. Dhukkubi kun namoota jireenyi isaanii horii wajjin walitti qabatee jiru keessatti irra caalaa argama. Horiyyoota arkaan qaqabuudhaa fi qilleensa naannoo sana jiru keessatti baafachuun dadarba. Yeroo booddana kan akka qunnamti fooniitiinis darbu akka danda’u qorannoodhaan irra gahameera.

4. Layyidaa turaa(guboo) fayyaa gilgila dhiiga adii wajjin( oils gadis
hin ka’u)

A Tb qaama keessa hin faca’ini

B biruseloosis

C Fanxoo sadarkaa lammaffaa

D Dhukkuba raffisaa(tiripanosomiyyaasis)

E Toksopilaasmoosis

F Dhukkuba keessa dagalee kutaa onnee baakteeriyyaa irraa kan dhufu

G Sisitemmik lupus irritemaatoosus(SLE)

H Meningokokaal kan jedhamu baakteeriyyaadhhan kan dhufu summa’uu dhiigaa turaa(goboo)

I Baakteeriyyaa irraa kan dhufu dhukkuba buusaa(aangoo)

5. Nanna gubaa(layyidaa) turaa lakkoobsa dhiiga adii olii gadi kaataa
wajjin

A Hiitoo adda addaa

B Rettikuloosis

D Rifaatii nannaa qoricha fudhachuu irraa kan dhufu(drug reactions)

Dhanna gubaa(layyidaa) turaa(guboo) gumaa dedeebi’a wajjin

Kana keessatti yeroo tokko layyidaan dhufee yeroo tokko ammo layyidaan (nanna gubbaa) culloo(haadhuma) isaa badee nammi sun fayyaa ta’a.

Dhukkubooti kanaan ol maqaa dhahaaman layyidaa akkasii fiduu ni danda’an garuu warri kanaan gadi tarreeffaman ammo caalaatti dhukkuboota layyidaa akkasii fidaniidha.

A Busaa

B leyishimaniyyaasis kan kuusaa mi’a garaa(visceral leishmaniyyaasis)

C Dhukkuba raffisaa( tiripanosomiyyaasis

D Nanna gubaa dedeebi’aa

E Biruseloosis

F Filaariyyaasis- dhukkuba raammoo gogaa jalaa

G Dhukkuba hidda hadhooftuu

Ummata mudhii lafaa fi naannoo mudhii lafaa irra jiraatan keessatti
layyidaan sababiin isaa hin beekamne yeroo baayyee nanna gubaan kun dhukkuba Tb nanna keessa faca’een kan ummamu. Kanaaf sababa layyidaa (nanna gubaa) tokko qoratamee yookiin laaboraatooriitti sakata’mee yookiin qoratamee dhabame kan layyidaa kana fide Tb qaama keessa faca’e ta’uu waan danda’uuf dhukkubsataa sana qoricha Tb kennuun misha yookiin dansa yookiin gaariidha.

Dhukkubi Tb nanna keessa faca’e kunis fakkeenyaaf dhukkuba Tb-

1. Marrummaanii- lafa marrummaan qalla’a fi furdaan walgahu

2. Xannacha kuusaa mi’a garaa

3. Marrummaanii

4. Kalee

Yoo nanna gubaa turaa bushaan kuusaa mi’a garaa keessatti kuusamee
wajjin walqabatee jiraate dhukkubi isaa tb kuusaa mi’a garaati(Tb
peritonitis).

Toksopilasimaa goondii kan foon loonii yookaan oolaa bakkee adurree keessa jiru aanqaaquu/buphaa/killee Toksopilasimaa goondii margaa wajjin nyaate dhufuudha. Yoo utuu baheessa godhanii hin bilcheessin foon loonii yookiin oolaa kana nyaatan nanna gubaan nama qaba.

Yeroo ammaa kana dhukkubi HIV(AIDS)iis nanna gubaa turaa fida. Sababa HIV(AIDS) duwwaa utuu hintaanee sababuma isaatiin kan dhufan dhukkubooti adda addaas nanna gubaa(layyidaa) turaa fidu.

Egaa nanna gubaa yookiin layyidaa ammaa yookiin xobbee fi layyidaa
turaa kan fidan dhukkubooti adda addaa hedduun waan jiraniif isa kamiin akka ta’ee gargari baafachuuf waanti kanaan ol kaa’aamani isin gargaara jennee waan abdii qabnuuf barumsa radiyyooniin darbu kana qalbiin caqasaatii fayyaa keessan eeggachuuf itti dhimma bahaa jenne kabajaan isin hubachiifna.
Copyright ® 2006 OHPA
  Home            Membership       Current Projects        Activities         Contacts 

  HOME

MEMBERSHIP

PROJECTS

ACTIVITIES

CONTACT

WALDAA OGEEYYII FAYYA OROMOO (WOFO)
OROMO HEALTH PROFESSIONALS ASSOCIATION