Barrefanno fayyaa

  Dhukuba busaa

  Dhukuba xannee

  Garaa kaasaa

  Qoricha malee

  Qulqullina nyaata

  Tasiboo
  Qaama Gubaa
  Golfaa
  Burn (Gubaa)
  Unconciousness
  Being chocked
  Nyaata (Nutrition)
Your comment on the site

 

 

 

GARAA KAASAA

 

Garaa kaasaan bakka lamatti hirama/qoodaama. Inni tokko bakkeen/udaan qallaa yookiin bishaan ta’ee ammaa amma bakkeetti nama deddeebisu ogguu ta’u kan biroo ammoo dhiigaaf waan akka furrii qabu ta’ee garaa nama kaasuu jechuu dha.

 

Garaa kaasaan salphaatti kan nama dhiisu ta’uus  ni danda’a. Guddisee nama dhukkubuudhaan lubbuu namaa kan gaaga’u ta’uus ni danda’a. Garaa kaasaan battaluma nama qabee yeroo gabaabaa keessatti cimaa ta’uu ni danda’a, yookiin ammoo dheeratee nama irra turuu ni danda’a.

 

Garaa kaasaan ijoollee xixiqqoo keesumaa iyyuu warra nyaata hir’inaan miidhaman keessatti bayyaata, balaa guddaas lubbuu ijoollee kanaatti fida.  Dhukkubni garaa kaasaa sababa adda addaatiin dhufa. Yeroo tokko tokko dhukkuba kana irraa fayyuuf tajaajila addaa kan ta’e barbaachisa, garuu yeroo baayyee tajaajila yookiin wal’aansa fayyaa manatti kennamuun dhukkuba kana irraa fayyun ni danda’ama. Wal’aansi isaas salphaa dha. Innis bishaaniif kan isa fakkaatan kan akka mooqaafaa dhuguu jechuu dha. Yoo mucaan tokko yookiin namni tokko dhukkuba garaa kaasaadhaan qabamee nyaachuu dadhabe yeroo gaggabaabaatti nyaata xixiqqoo akka nyaatu jajjabeessanii nyaachisuun dhukkuba kana irraa ni fayyisa.

 

Kan garaa kaasaa fidan keesaa gurguddoon akka kanaan gadii ti:

1      Midhaaan nyaata hir’ina: Nyaata hir’inni ykn soor-dhabinni ijoolleee keessa yoo jiraate qaamni isaanii dadhabaa waan tahuuf dhukkubi garaa kaasaa ammaa amma qabuudhaan ittuma hammaata.

2      Haala bishaan hir’ateef yookiin bishaan dhabameef qulqullina naannoo dhabuu, fakkeenyaaf manni fincaanii dhabamuu irraaa kan ka’e jermii yookiin raammoon garaa kaasaa fidan faffaca’uun dhukkuba garaa kaasaa fidu.

3      Vaayiresii ykn hadheen kan jedhamu raammoo hedduu xixiqqoon  kan dhufu garaa kaasaa. Kun keesumaa ijoollee keessatti baay’ata.

4        Garaa kaasaa kan baakteeriyaa, ameebaadhaa fi jiyaardiyaadhaan dhufu.

5        Garaa kaasaa sababa dhukkuba mar’umaanii ala kan ta’een dhufu. Fakkeenyaaf dhukkuba gurraa, dhukkuba laagaa, gifiraan, dhukkuba ujummoo fincaanii, dhukkuba busee.

6        Nyaata summaa’e nyaachuu irraa kan dhufu.

7        Mar’umaan aannan soorachuu dadhabuu irraan kan dhufu keesumaa ijoollee nyaata hir’ina irraa kan ka’e baa’yee dhukkubsataniif nama gurguddaa tokko tokko irratti kan argamu.

8        Ijoolleen xixiqqoo midhaan har’a nyaachuu yeroo jalqaban.

9        Ogguu qaamni namaa midhaan akaakuu tokko tokko soorachuu didu(allergy)

10    Qorichi tokko tokko kan dhukkuba birootiif fudhatan dhukkuba garaa kaasaa namatti fidu. Fakkeenyaaf ampiciliinii, tetracycline.

11    Qoricha garaa gogsaaf fudhatan.

12    Nyaata baay’isanii nyaachuun, nyaata cooma hedduu qabu nyaachuu fi firii mukaa hin bilchaanne baay’isanii nyaachuun dhukkuba garaa kaasaa namatti fida.

13    Eedsii(AIDS) Yeroo dheeraadhaaf kan garaa nama kaasu.

 

Garaa Kaasaa Of irraa Ittisuu

Kan dhukkuba garaa kaasaa fidan hedduu yoo ta’an iyyuu caalaatti kan beekaman garuu kulkula ykn bocoo( infection) kan jedhamanii fi hir’ina nyaataa ti. Qulqullina baheessa godhanii eeggachuuf nyaata wal qixxaate nyaachuun dhukkuba garaa kaasaa kana hedduu isaa of irraa ittisuu nama dandeessisa. Nyaata wal qixxaate ogguu jennu nyaata akka buddeena ta’anii fi nyaata akka ittoo ta’anii walitti dabalanii yoo nyaatan akkasumas waan akka raafuufaa waan akka firii mukaafaa yoo nyaatatti dabalan nyaatuma wal qixxaate tahuu ni danda’a. As irratti uummatni keenya akka rakkina guddaa keessa jiru ni beekna, garuu beekumsa dhabuu irraan kan ka’e waan salphaatti argamuu danda’u ammoo akka isaan baranii itti dhimma bahuu danda’an uummata keenyatti himuun dirqama keenya ta’uu isaa ummata keenyaaf ibsuu barbaanna.

 

Ijoolleen garaa kaasaa kanaan qabaman yoo sirriitti tajajilaman yookiin wal’aanaman du’a irraa isaan hambisuun ni danda’ama. Ijoollleen nyaata hir’ina qaban yoo dhukkubni garaa kaasaa qabe dafanii du’u. Dhukkubni garaa kaasaa ijoollee nyaata hir’ina qaban  ammaa amma qaba. Ijoolleen dhukkuba garaa kasaa qaban nyaata nyachuuf fedha hin qaban. Kun ammoo nyaata hir’inas garaa kaasaas hedduu itti hammeessa. Kanaaf nyaatni hir’inni dhukkuba garaa kaasaa fida kan jennuuf. Garaa kaasaanis nyaata hir’ina fida. Sababa kanaaf nyaatni wal qixxaatee fi nyaatni baheessi dhukkuba garaa kaasaa of irraa ittisuuf nama dhukkuba kanaan qabame wal’aanuuf hedduu gargaara. Baay’ee barbaachisaadhas. Keesumaa ijoolleedhaaf gaarii dha. Kanaaf nyaata hir’ina ittisuudhaan dhukkuba garaa kaasaa of irraa ittisuu. Garaa kaasaa of irraa ittisuudhaan hir’ina nyaataa ittisuu

 

Ammas nyaata wal qixxaate yoo kaafne akkaataa walitti makamanii dha malee waan isin guyya guyyaadhaan nyaattanii dha. Kan buddeena ta’an keessaa fi kan ittoo ta’an keessaa mee tokko tokko fudhannee haa ilaallu. Buddeena bisingaa yookiin boqqolloo ittoo baaqelaa yookiin atariitiin yoo nyaanne,  keesumaa ijoolleedhaaf midhaan wal qixxaate tahuu ni danda’a. Ittootti zayita yookiin dhadhaan yoo dabalame wal qixxummaa midhaanummaa isaa hedduu ol kaasa. Dhukkubsatanii midhaan oomishachuu dadhabuu irra akkaataa midhaan akaakuu adda addaa walitti dabalanii nyaachuudhaan humnaa fi fayyaa argatanii ittumaa caalaatti qotachuuf oomishachuutu wayya. Kun waan nama wal hin gaafachiifnee dha. Fayyaanis wanti ittiin fayyaa argatan harkuma keessan keessa jira, akkaataa itti hojjettan wallaaluu dha malee. Isin barsiisuuf ammoo kunoo nuti jirra, ijoolleen keessan barattootaa fi barsiisotni keessan isin bira jiru. Waan harka keessan keessa jiruuf alagaa eeggachuus komachuus hin barbaachisu.

 

Mee waan qabnuun dhukkuba irratti haa duullu. Yoo waan dhageenye kana hojii irra oolchine gargaarsi orma irraas nuuf dhufa.

 

Nyaata wal qixxaate kana akka namaaf galutti ibsuuf akka kanatti haa keenyu:

Nyaata wal qixxaate jechuun akaakuu midhaanii kan nafa namaa ijaaru yookiin guddisu ykn burqata(proien), kan humna namaa kennuu(energy food or carbohydrates and fats) fi kan bifa namaa cululuqsuu (fats)fi nafti namaa dhukkuba of irraa ittisuuf kan qopheessu (vitamins)jechuu dha. Qaamni keenya guyya guyyaadhaan yoo midhaan wal qixxaate kana argate garaa kaasaa dabalatee dhukkuba hedduu of irraa dhorkuu ni danda’a.

 

Biyya yookiin bakka beellii fi dhukkubni dhuunfatee jirutti waa’ee nyaataa dubbachuun yoo nama dhibe iyyuu kan danda’e maayii akka itti bahutti (akka itti gargaaramutti) waan tahuu qabu himuun baheessuma jennee itti amanna. Yoo beekumsa isaa qabaatan waanuma qotan irraa walitti qabanii yookiin makanii nyaannaan nyaata wal qixxaate tahuu ni danda’a.

 

Egaa kanaan dura qulqullina ofii, mana ofii fi naannoo ofii eeggachuun dhukkuba garaa kaasaa of irraa ittisuuf qooda guddaa akka qabu isin hubachiifneerra. Ammas yaadachiisuuf mana fincaanii ijaarratanii itti fayyadamuun, bishaan qulqulluunii fi qulqullina nyaataa yookiin midhaanii eeggachuun dhukkuba garaa kaasaa baay’ee nama irraa dhorka.

 

Ijoollee xixiqqoo irraa dhukkuba garaa kaasaa ittisuu (dhukkubni garaa kaasaa akka hin qabne gochuu)

 

1     Xuuxxoo kennuufii irra harma hoosisuu dha. Dhalatanii ji’a arfan duraa sana harma qofaa akka hodhan tassisuu dha. Aannan harmaa mataan isaa waan dhukkuba garaa kaasaa ijoollee irraa dhorku qaba. Dhalatanii ji’a afur booda harma hoosisuu ittuma fufaa nyaata salphaa nyaachisuu jalqabuu. Yoo harma hoosisuun hin danda’amu ta’e fakkeenyaaf harmi haadhaa dhukkubsataa ta’e, yoo haati duute ijoolleedhaaf  aannan xuuxxoodhaan hin kenninaa. Kubbaayyaadhaa fi fal’aanatti dhimma bahudhaan ijoollee aannan obaasuun ni danda’ama.

2    Ogguu ijoollee xixiqqoo midhaan nyaachisuu jalqabdan waan bullaawee, lanqaxamee, qal’ifamee bilchaateen haa tahu. Xixiqqoo xixiqqoo kennuun haa jalqabamu. Aluma tokkootti ijoollee harma hin guusinaa. Midhaan nyaachisaa. Yoo akkasitti harma guusiftan dhukkuba garaa kaasaa irraa ijoollee hambisuu ni dandeessan.

3     Qulqullina ijoollee fi naannoo ijoollee eeguu. Hamma danda’ametti ijoolleen xixiqqoon waan xuxxuraa’e lafaa fuudhanii afaan isaanii keessa akka hin kaa’anne eeguu dha.

4     Ijoolleedhaaf qoricha hin barbaachifne hin kenninaa.

5     Ijoollee garaatu ciniine jettanii kun qoricha isaa ti jechuudhaan waan adda addaa hin kenninaa. Fakkeenyaaf araqeen qoricha maagaa ti jettanii ijoollee wagahuun yookiin obaasuunii fi kan kana fafakkaatan haa hafu.

Ijoolleedhaaaf aannan harma haadhaa waan hundumaa caala. Ogguu ijoolleen albaatiidhaan qabaman harma hoosisuu ittuma fufaa. Aannan harmaa garaa hin kaasu garuu dhukkuba garaa kaasaa akka itti fooyya’u godha malee.

 

Aannan loonii aannan daakuu akaakuu midhaan nama guddisuu fi qaama hir’ate bakka buusu waan qabuuf ijoollee garaa kaasaa qabaniif gaariidha, garuu ijoolleen akkasii nyaata hir’ina yoo qabaatan qaamni isaanii aannan akkasii soorachuuf rakkina qaba. Kanaaf garaa kaasaa itti hammeessa. Ijoollee akkasitti dhukkubsataniif aannan xiqqeessanii midhaan harka caalaa kennuufii barbaachisa. Nyaatni ijoollee dhukkuba akkasii qabaniif kennamu hamma danda’ametti nyaata wal qixxaate tahuu qaba. Innis akaakuu midhaanii buddeena yookiin marqaa tahuu danda’anii fi akaakuu midhaanii ittoo tahuu danda’an walitti dabalanii zayitaan yookiin dhadhaadhaan isa hojjetamuu dha. Hanqaaquun/buphaan/killeen yoo itt dabalame baay’ee dansa/baheessa. Akka ijoolleen fayyuu jalqabaniin  aannan hedduu haa sooratan.

 

Tajaajila (wal’aansa, treatment) dhukkuba garaa kaasaa

Dhukkuba garaa kaasaa baa’yeedhaaf qoricha hin barbaachisu. Yeroo garaa kaasaan isaa hamaa ta’e balaa guddaaan inni fidu bishaan dhagna namaa keessaa fixuu(dehydration) dha. Yoo garaa kaasaan dheerate balaa guddaan inni fidu dhukkuba hir’ina nyaataa ti. Kanaaf wanti guddaan nuti irratti  fuula deebifachuu qabnu dhugaatii fi nyaata namni dhukkubsatu kun fudhachaa jiru irratti. Dhugaatii ogguu jennu alkoolii irraa kan hafe kan dhugamu hundaa ti. Wal’aansa dhukkuba garaa kaasaa keessatti waan armaan gadii qalbeeffannee hordofuun gaarii dha/baheessa.

 

1    Akka garaa kaasaa irraan kan ka’e bishaanni dhagna keessaa hin dhumne godhuu dha, yookiin ittisuu dha. Namni dhukkuba garaa kaasaa qabu alkohoolii irraa kan hafe waan dhugamu hundaa baay’isee dhuguu qaba. Yoo inni dhuguu hin barbaadne iyyuu akka inni dhugu jajjabeessuun baay’ee barbaachisaa dha. Yeroo yeroo gaggabaabduutti habbuuqqii habbuuqqiidhaan akka inni dhugu gochuu dha.

2    Namni dhukkuba garaa kaasaa qabu nyaata gahaa qabaachuu isaa qalbeeffatanii hordofuu barbaachisa. Midhaan nyaatame mar’umaan nama garaa kaasaa qabuu keessa hin turu. Dafee dafee waan bahuuf akaakuun midhaanii qaamaaf tahu dhagnatti hin galu. Kanaaf namni dhukkuba garaa kaasaa qabu keesumaa ijoolleen ammaa amma nyaachuu qabu.

 

Akeekkadhaa!

-     Ijoolleen harma hodhan yoo albaatiin qabate harma hodhuu itti haa fufan.

-     Ijoolleen qaamaan hir’atan nyaata wal qixxaate nyaachuu qabu. Akka kanaan olitti jedhametti keesumaa nyaata humna kennuu fi qaama guddisu.

-     Yoo ijoolleen nyaachuu dadhaban yookiin hooqqisan bishaan soogiddaa fi sukkaaraan bulbulame kennuufii dha. Bishaan kana akka armaan gadiitti qopheessuun ni danda’ama

  - Bishaan qulqulluu ykn bishaan bulluqee qabbanaa’e qaruuraa yookiin xaarmusii biraa yookiin aranchaataa sadiitti sukkaara fal’aana guddaa sanatti afurii fi soogidda fal’aana tokko dabalanii raasuudhaan qopheessuu. Bishaan akkasitti qophaa’e ammaa amma obaasuu yookiin unachiisuu dha. Dhugaatiin kun ijoollee garaa kaasaan dhukkubsatan akka isaan nyaata fedhanii nyaatan ni gargaara, nyaata nyaachuun yeroodhaaf ammaa amma garaa kaase iyyuu ammaa amma nyaachisuun lubbuu akka hambisu yeroo hundumaa yaadachuu qabna.

     Mucaan qaamni isaa hir’ate yeroo dheeraaf garaa kaasaa yoo qabaate midhaan inni nyaatu itti dabaluudhaan ammaa amma nyaachisuun hedduu barbaachisaa dha.

 

Kan kanaan gaditti jiran yookiin maqaa dhawaman nyaachuu yookiin dhuguu hin feesisu.

 

Nyaata cooma qabuu fi nyaata qimamii yookiin urgooftuun itti baay’ate.

-      Firii mukaa dheedhii kan ta’e.

-      Waan garaa nama kaasu dhuguu irraa of qusachuu.

-      Waan alkohoolii qabu dhuguu irraa of qusachuu.

 

Akka qoratamee irra gahaametti sababni garaa kaasaa dhukkuba mar’umaanii fi garaa alatti  ta’uu waan danda’uuf keesumaa ijoollee keessatti eeggachuun barbaachisaa dha. Fakkeenyaaf dhukkuba gurraa, dhukkuba laagaa fi dhukkuba miha fincaanii akkasumas dubartoota keessatti dhukkuba gadaamessaa fi dhukkuba  qaamoota gadaamessaatti hidhatanii jiran.

 

Dhukkuboota tajaajila addaa barbaachisan.

 

Dhukkuboota akkasii kan shakkaman dafanii tarkaanfii fudhachuu waan barbaachisuuf kamtu kamiin akka tahuu dandahu uummata quba qabaachisuun ni feesisa.

1     Yoo dhukkuba garaa kaasaa xiqqoo kan dhagna ho’ina hin qabne battalatti nama qabe waan inni dhugu baay’isaa kennaaf. Dhukkubni akkasii kun garaachi rifachuu irraa kan dhufe tahuu ni danda’a.. Yoo rakkinni isaa garaa ciniinnaa hamaa ta’e mana (hakiimiitti) geessaa.

2     Garaa kaasaa fi hooqqisaa/balaqqama: Kun waan baay’eedhaan sababamuu ni danda’a. Yoo namni garaa kaasaa qabu hooqqisaas qabaate keesumaa ijoolleen xixiqqoo dhagna isaanii keesaa bishaan dhumuun yookiin hir’achuun hedduu hammaata. Kanaaf alkohoolii kan hin ta’iin waan dhugamu hundaa kennuun baay’ee barbaachisaa dha. Keesumaa bishaan sukkaaraa fi soogiddaan kan qophaa’e dhugaatiin waan hundaa caala. Nyaata nyaachisuu hin irraanfatinaa Yoo namni dhukkubsatu kun hooqqisuu/balaqqamuu itti fufe iyyuu waan dhugaatii obaasuu hin dadhabinaa. Yoo hooqqise iyyuu waanti garaa keessatti hafu numa jiraataatii obaasuu isaa itti fufaa. Ammumaa amma habbuuqqii habbuuqqidhaan kennaafii. Yoo dhukkubichi itti hammaataa dhufe dafaatii mana hakiimiitti geessaa.

3        Garaa kaasaa dhiigaa fi waan akka ootaa/furrii qabu:  Yeroo baay’ee kan ture tahuu ni danda’a. Dhukkubni akkasii kun dhagna ow’ina hin qabu. Yeroo baay’ee hir’ina bishaan qaama keesaa hin qabu. Dhukkubni kun yeroo tokko tokko garaa gogina qabaachuu ni danda’a. Namni dhukkuba mallattoo kanaan olitti jedhame of keessaa qabuun qabame dhukkuba ameebaa ta’uu waan danda’uuf qoricha isaa argachuuf mana qorichaa/wal’aansaa dhaquu qaba.

4     Dhukkubni garaa kaasaa dhagna ow’ina qabu dhiiga qabus qabaachuu baatus kan sababamu baakteeriyaa kan jedhamu jermii ija keenyaan arguu kan hindandeenye yookiin dhukkuba golfaa, yookiin dhukkuba busee/qandoo ta’uu ni danda’a. Nama dhukkuba akkasiitiin qabame dafanii mana qorichaatti geessuun barbaachisaa dha.

5     Garaa kaasaan kan wal irraa hin cinne ta’ee  furrii kan qabuu fi fooliin isaa gadhee tahee, bifti isaa yeroo tokko tokko keellooykn bokoree fi hoomacha yoo ta’e kun jiyaardiyaa kan jedhamu raammoo garaa ti. Wal’aansi isaas qoricha mana wal’aansaatii argatanii dha.

6     Garaa kaasaa yeroo dheeraatiif nama irra turuu fi kan namatti deddeebi’u: Kun yeroo baay’ee ijoollee keessatti argama. Sababiin isaas nyaata hir’ina yeroo baay’ee ture nama irra turee dha. Nama guddaa keessatti garuu dhukkuba AIDS tahuu ni danda’a. Dhukkuba ameebaa illee tahuu ni danda’a.

Dhukkuba xannee:  Dhukkubni xannee kun hedduu hamaa dha. Yeroo gabaabduu keessatti balaa guddaa fidee lubbuu nama hedduu baasuu ni danda’a. Mallattoon isaa utuu wal irraa hin citin garaa nama kaasuu ta’ee garaa kaasaan isaa bishaan ruuzii yookiin bishaan raacitii bukoo fakkaata. Dhamas fakkaachuu ni dhaqa. Nama dhukkuba akkasii dhukkubsatuuf waan dhugaatii(alkohoolii kan hin tahin) hedduu kennuu dha. Dafanii dafanii mana hakiimiitti/wal’aansaatti geesuun baay’ee barbaachisaa dha. Yoo dhukkubni kun hooqqisaas ni qabaata ta’e balaa inni fidu hedduu hammana waan hin jenneef tajaajila ogeeyyota fayyaa barbaachisa. Al tokkotti nama baay’eetu dhukkubsachuu danda’u. Dhukkuba garaa kaasaa dhalate keessatti mallattoo kanaan olitti kaa’ame yoo argitan battaluma sanatti ogeeyyota fayyaa beeksisuun hedduu barbaachisaa dha. Namoota dhukkuba kanaan qabamaniif garuu waan dhugaatii fi waan nyaataa kennuu hin irraanfatinaa. Tajaajila(wal’aansa) garaa kaasaa ijoollee xixiqqoo harma hodhaniif.

Ijoollee xixiqqoo akkasii keessatti dhukkubni garaa kaasaa hedduu bal’aa dha. Yeroo baay’ee qoricha hin barbaachisu, garuu tajaajilli addaa kan ta’e kennamuufii qaba. Albaatii irraan kan ka’e hir’inni yookiin dhumiinsi bishaan qaama keessaa dafee ajjeesuu waan danda’uuf tajaajilli kanaan gadii kennamuufii qaba.

 

1     Harma hodhuu itti fufuu qabu. Dhugaatii bishaan, sukkaaraa fi soogidda irraa kan hojjetame ammaa amma kennuufii dha.

2     Yoo hooqqisuun kiyyoo ta’e ammaa amma harma  hoosisuu dha. Bishaan sukkaaraa fi soogiddaas ammaa amma xiqqoo xiqqoo kennuufii dha. Daqiiqaa 5-10tti kennuufii dha.

3     Yoo aannan harmaa hin jiraanne aannan loonii yookiin aannan biroo bishaan bulluqee qabbanaa’een makanii kennuu dha. Bishaanii fi aannan harka qixxeedhaan waliin makuu barbaachisa.Yoo aannanni garaa kaasaa itti hammeesse waan akka foon lukkuu/hindaaqqoo, hanqaaquu/killee, foon, baaqelaa daakame dammatti yookiin sukkaara yookiin midhaan daakame birootti makuudhaan bishaan bulluqee qabbanaa’etti bulbuluudhaan obaasuu.

4        Yoo mucaan dhukkubsate kun umuriin isaa yookiin dhalootni isaa waggaa tokkoo gadi ta’e daddaffiidhaan mana qorichaatti geessuu dha.

 

Yoom tajaajilli dhukkuba garaa kaasaa ogummaa fayyaa barbaachisa?

 

Dhukkubni garaa kaasaa lubbuu namaaf keesumaa lubbuu ijoollee xixinnoof balaa hamaa waan taheef yoo waanti armaan gadii jiraatan tajaajila ogeeyyii fayyaa barbaachisa.

 

1     Yoo garaa kaasaan guyyaa afurii ol turee fi yoo wayyyawuu baate. Yoo ijoolleen xixinnoo keessatti albaatiin isaa cimaa ta’ee guyyaa tokkoo ol irra oole.

2     Yoo bishaan dhagna keessaa dhumee fi yoo hedduu itti hammaate.

3     Yoo mucaan waan dhuge hundumaa hooqqise, yookiin waanuma tokko iyyuu hin dhugne ta’e. Yoo hooqqisuun wal irraa hin cinne sa’aa 3 ol ta’e, dhugaatii bishaanii sukkaaraa fi soogiddaa gadi hin qabamin sa’a 3 ol yoo ture.

4     Yoo mucaan dhukkuba kanaan qabame wixxifachiisaadhaan qabame yookiin miilli isaa fi fuulli isaa yoo dhiita’e.

5     Yoo namni kun utuu dhukkubni garaa kaasaa hin qabin dura dhukkuba biroo hedduu dhukkubsatee baay’ee dadhabaa yookiin qaamni isaa nyaataan hir’ataa yoo ta’e. Keesumaa ijoollee xixinnoo fi nama dulloomaa.

 

Mana fincaaniitti dhimma bahuun  gidiraa dhukkubaa kana hin jedhamne irraa nama oolcha.

Copyright ® 2006 OHPA
  Home            Membership       Current Projects        Activities         Contacts 

  HOME

MEMBERSHIP

PROJECTS

ACTIVITIES

CONTACT

WALDAA OGEEYYII FAYYA OROMOO (WOFO)
OROMO HEALTH PROFESSIONALS ASSOCIATION