Barrefanno fayyaa

  Dhukuba busaa

  Dhukuba xannee

  Garaa kaasaa

  Qoricha malee

  Qulqullina nyaata

  Tasiboo
  Qaama Gubaa
  Golfaa
  Burn (Gubaa)
  Unconciousness
  Being chocked
  Nyaata (Nutrition)
Your comment on the site

 

 

 

QULQULLINA NYAATA FI DHUGAATI   

  1. Biyya keenya keessatti bushaan qulqulluu argachuun rakkisaadha. Kanaaf dhukkuba karaa bushaa qulqullina dhabuu irraa kan dhufu of irraa dhorkuudhaaf bushaan dhugaatii danfisanii yookiin aduu keessa yeroo murta’ef ka’anii qabaneesuun fayyaa ofiif gaariidha. Kun keesumaa barbaachisaadha yeroo ijjoollen dhukkuba garaa kaasaadhaan qabamaniif yeroo namni dhukkuba golfaa, dhukkuba tiruuf dhukkuba xanneedhaan qabamani. Yeroo dhukkubii akkas dhalatu bushaan qulquluu irra iyyuu bushan baayyinaan qabaachuutu caala.

  2. Titiisi minaan irra akka hinqubane godhi. Waan dhukkuba adda addaa fidu miilla isheetiin fiddee minaannitti laaqxi Minaan laf irratti harca’eef saanii yookiin arkee itti nyaaatame lafatti hin dhiisini. Isaan kun titisa iffitti yaamu. Minaan qadaduudhaan titiisa irraa ittis.

  3. Firii muka’a lafatti harca’ee utuu hindhiqin hin nyaatin.Ijjoolleen akka hin nyaannee irraa dhorki.

  4. Foon dheedhii hin nyaatin. Foon waaduuf affeeludhaaf erga qopheessite harka  kee dhiqadhu.Foon waadamee yookiin affeelamee takka ture utuu hin hoyyisin hin nyaatin.

  5. Minaan tureef foolii gadhee qabu hin nyaatin. Summa’uu ni danda’a. Minaan xaasaa yookiin qorqoroodhaanman warshaatti yookiin fabriikaatti qopha’ee  yoo xaasaan isaa ol hiitahe yookiin ol bokoke yookiin ammo yeroo banani minaan isaa toka’e hin nyaatin.Yoo hin danda’ama ta’e ijjoolleedhaaf, jarsotdhaaf, nam baayyee dhkkubsateef minaan akka bishaateen kenuu mishaadha yookiin gaariidha.

  6. Namoota dhukkuba sombaa, utaalloo yookiin dhukkuba dadarbaa adda addaa qabani qofaatti nyaachuu qabu. Qodaa nammi dhukkubsataan itti nyaate bushaan buluqaan yoo dhiqame irra filatama.

Beeksisa

Waa’een qulqulinaaf waa’een dhukkuba irraa of eeguun kun hojii irra oolchuun cimaa yoo fakkaate iyyuu fayyaan jiraachuuf kun ordofamuu qaba.Kanaaf yaa uummata keenyaa hamma danda’ametti gorsa kanaaf barumsa fayyaa kan hijii irraa akka oolchitan adaraa isiniin jenna.

 

Qulqullina Uummataa

  1. Bushaan boolla, burqituuf muummee keessa yoo hin warabatu ta’e qulqullina isaa akka gariitti eegachuu qabdu. Horiin naannoo sana akka hindhanne irraa eeguu qabdu. Barbaachisaa taanaan nannoo isaatti diiloo ijaaraa. Naannoo bushaan yaawu irraa  warabbatan qulqulleessuun barbaachisaadha.

  2. Kan gubachuu danda’u kosiin yoo jiraate gubuudha. Kan gubachuu hindandeenye ammoo mana irraaf bakka bushaan warabatan irraa fageessanii owwaaludha.

  3. Mana fincaanii ijarachuu. Kun horiin miilla isaaniif huuruu isanittiin udaan laaqatanii gara qee’ee akka hin dhufne gargaaraa. Mana yookiin bakka bushaan warabatan irraa fageessanii amma meetirii 6-7yookiin dhudhuma12-14 qotanii godoo xinooshee irratti ijaaran hin gaha.Yoo akkassitti ijaarame rakkina titiisaaf foolii namatti dhufuu danda’u salphisuu ni danda’a. Yoo xinaatee xinaate fageenyi mana fincaanii mana irraaf bakka bushaan warabatan irraa dhudhuma 40 yookiin metira 20 gadi tahuu hinqabu.

Kan gadi cimsinee uummata beeksisuu barbaannu yookiin irradedeebinee yaadachiisuu barbaannu waa’ee mana fincaaniiti. Uummatni yoo mana fincaaniitti dhimma bahe dhukkuba hedduu irraa of baraaruu waa’een fincaanii hinka’in hin oolle.ni danda’a. Akkuma kanaan ol keenyetti of irraa ittisa dhukkuba adda addaa keessatti

Copyright ® 2006 OHPA
  Home            Membership       Current Projects        Activities         Contacts 

  HOME

MEMBERSHIP

PROJECTS

ACTIVITIES

CONTACT

WALDAA OGEEYYII FAYYA OROMOO (WOFO)
OROMO HEALTH PROFESSIONALS ASSOCIATION