Barrefanno fayyaa

  Dhukuba busaa

  Dhukuba xannee

  Garaa kaasaa

  Qoricha malee

  Qulqullina nyaata

  Tasiboo
  Qaama Gubaa
  Golfaa
  Burn (Gubaa)
  Unconciousness
  Being chocked
  Nyaata (Nutrition)
Your comment on the site

 

 

 

Golfaa ("Typhus")

Dhukkubi kun addunyaa irraa biyya keenya keessatti caalaa argama. Dhukubi kun dhukkuba hamaa ta’anii layyidaa(qaama gubaa) namatti gadhiisan keessaa isa tokko. Kan dhukkkuba kana namatti fiddu jermii ija keenyyaan duwwaa arguu hindandeenye riikeetisiyaa piroowaazekii jedhamauudhaan. Kan inni nama tokko irraa gara nama biraatti darbuu danda’u injiraaniin. Walumaagalatti ugguu bakkeen / udaanni injiraanii inni jermii dhukkuba kana fidu qabu hoxxoo cinniinnna injiraanii irraan kan ka’ee hooqametti rirriitamu jermiin kun dhanna/qaama namaatti gala. Injiraanni dhiiga nama dhukkuba kana qabu xuxuudhaan jermii dhukkuba kan qabu qaamaa isheeetti fudhatti. Egaa akkataa dhukkubi kun itti dadarbu nama irraa gara injiraanii, injiraan irraa gara namaatti. Qilleensa hawwara goga’a udaan/bakkee injiraan jermii dhukkuba kana qabuun makamee jiru nammi fayyaan keessatti gadi baafanaan dhukkubi
golfaan kun isa qabuu ni danda’aa. Yoo dhukkubi kun to’annoo jala ooludhaa baate ummata dhukkuba kanaan saaxilaman keessatti geengawwuudhaan amma waggaa sadiitti ummata saaxilame kana keessa jiraata. Waggaa duraa suutuma suuta lakkoobsa namoota baayyee dhukkubsatani dabaluudhan waggaa lammaffaa irratti namoota baayyee dhukkubuudhaan ciibsa.. Namooti hedduun waan dhukkubsataaniif qaama isaanii keessatti waan dhukkuba kana isaan irraa dhowwu huummatu. Kanaaf waggaa sadaffaa irratti lakkoobsi namoota dhukkubsatanii hirrachaa dhufa. Dhukkubi golfaa kun ayyinaa muraasatu jira.
Kan karaa cinniinnaa geergoo dhufus jira(rikeetisiyaa tsutsugaamushi).
Akkasumas bakka namooti tulluu dhagaan itti baayyaatu jiraatan cinniinnaa silmii irraan kan dhufu dhukkubi golfaa ni jira(rikeetisiya rikeetsii).


Dhukkubi karaa cinniinnaa injiraanii fi silmii dhufu yoo wallaansa fayyaa
argachuu baatan gaga’aama lubuu namatti fiduu ni danda’ani. Ayyinaan tokkos antuuta irraa karaa tafkii akkuma injiraanii nama ciniinuudhaan namaatti darba. Kun kan argamu naannoo buufata dooniitti. Dhukkubi isaas laafaadha(muriin tayifas-rikeetisiyaa tayifii(museerii). Akkusuma bakka hantuuti itti baayyaatutti dhukkubi kun ni argama.

Mallattooti dhukkuba golfaa
Erga qaama namaatti galee guyyaa torba booda mallattoota kanaan gadii
agarsiisa.

1. Mataa bowwuu akkuma tasaa dhufa.
2. Layyidaa(qaama gubaa) akkuma tasaa dhufa( sudden onset of fever)
achumaan itti dabalaa dhufa.
3. Dhaammocha dhaammocha namatti dhagahaama.
4. Mataa bowwuu, dhanna keessa fayyummaa dhabuu(malaise) fi dadhabina irraan kan ka’ee lafa ciisanii ka’uu dadhabuu(prostration)
5. Dhukkubi golfaa qabee guyyaa shanaffaa irratti naannoo dacha’aa
bobaatti jijjiirina bifa goggatu argama, achumaan gara qomaa fi mudhii
akkasuma gara harkaatti baballata.
6. Gara sammuutti seenuudhaan mataa bowwuu itti ammeessa, akka kakaasuu godha, hin cabaalleqsa, of wallaalchisasi.
7. Hojii uumaa geengawwuu dhiigaa(blood circulation) karaa irraa
maqsuudhaan onnee baayyee ammaa amma akka rukutu godha dhikkisa dhiigaa dabala(increased heart beat- increased pulse), dhiibbaa dhiigaa gadi xiqqeessa(low blood pressure), qilleensa dhiiga keessaa(oxygen) akka hirratu godha(cynosis).


Yoo yaaliin fayyaa nama golfaadhaan dhukkubsateef kennamuudhaa baate harka calaa keessatti bala’aa du’aa fiduu ni danda’aa. Sababiin isaas geengawwuun dhiigaa karaa irraa waan kaatuuf kalee hojii isaa hojjechuu waan dadhabuuf siichoon yokkiin kosiin(azotemia) hojii uumaa qaama namaa dhanna keessatti kuufamuu irraan kan ka’ee dha. Hiddi dhiigaa gurguddoon tokko tokko dhiiga ititeen/kantareen cuqqaalamuu ni danda’uu.. Iddoo tokko tokko irratti gogaa ajjeesudhaan madaa gogaa gurraacha cilaatti fakkaatu(gangrene) argamuun ni danda’aa.



Golfaan bakka tulluun dhagaa itti baayyatu jiru golfaa karaa injiraanii fi
tafkii dhufu irra bala’aamaa dha. Kan dhukkuba golfaa wajjin walfakkaatani kan akka busaa, layyidaa(dhanna gubaa) dedeebi’aa(relapsing fever) micii sombaa(pneumonia) fi dhukkuba sombaa(tuberclosis) dhukkuba golfaa kana irraa gargar baafachuun baayyee barbaachisaa dha.

Dhukkubi golfaa hamaa waan ta’eef dhukkubi kun nama qabnaan dafanii mana wallaansaa dhaquun hedduu barbaachisaa dha.


Ittisa golfaa

1. Iddoo/bakka silmii nama ciniinuu dandeessutti naannoo tulluu dhagaan
jirutti cinniinnaa silmii irraa of eeggachuu barbaachisa.Yoo silmiin nama
ciniintes utuu hin burussin sutaan of irraa buqqisuu. Iddoo/bakka isheen
ciniintes bushaaniin qulqulleessanii dhiquu barbaachisa.
2. Injiraan huccuu/wayyaa/kafana, akkasuma injiraan mataa amma danda’ametti of irraa ittisuu. Kunis kan danda’amu yeroo hundumaa qaama/dhanna ofii dhiqachuufi wayyaa/huccuu miicachuu. Yoo injiraanni nama ciniintes utuu hin hooqqatin ofi irraa haxaawwuu akka isheen nama irrattii duutee jermiin golfaa fidu karaa hooxxoo nanna namaatti hingalletti.
3. Yeroo rakkinni ummata keenya keessatti hammaachaa jiru kana waa’ee huffataa fi waa’ee mana jireenyaa akkas jedhamee dubbachuun yoo nama dhibe iyyuu walitti ruruuqamanii rafuun yookiin ciisuun dhukkuba kana dadabarsuuf qooda waan qabuuf amma danda’ametti kana irraa of qusachuun barbaachisaa dha.

Rakkina kana keessaa bahuuf qabeenya ofiitti dhimma bahuun barbaachisaa dha.
Qabeenya oromiyaa ummati oromoo abbaa itti ta’ee ofii itti fayyadamuuf ammoo mootummaa wayaanee mootummaa saamtuu kana balleessuu dha. Kana gochuuf ammoo qabsoo bilisummaa itti finiinsuu malee filmaatii gara biraa hin jiru. Yoo kana ta’uu baate hiyyummi ittuma caala, dhukkubis ittuma ammaata
.

 

Copyright ® 2006 OHPA
  Home            Membership       Current Projects        Activities         Contacts 

  HOME

MEMBERSHIP

PROJECTS

ACTIVITIES

CONTACT

WALDAA OGEEYYII FAYYA OROMOO (WOFO)
OROMO HEALTH PROFESSIONALS ASSOCIATION