Barrefanno fayyaa

  Dhukuba busaa

  Dhukuba xannee

  Garaa kaasaa

  Qoricha malee

  Qulqullina nyaata

  Tasiboo
  Qaama Gubaa
  Golfaa
  Burn (Gubaa)
  Unconciousness
  Being chocked
  Nyaata (Nutrition)
Your comment on the site

 

 

 

QORICHA MALEE DHUKKUBA IRRAA FAYUU

 

Dhukkuba baay’ee kan ta’aniif qoricha hin barbaachisu. Qaamni keenya dhukkuba akka of irraa dhorkuu fi akka dhukkuba  injifatu uumaadhaan kan kennameef qaba. Akka qaamni keenya dhukkuba of irraa faccisuu fi injifatu gochuuf waan sadii gochuu nu barbaachisa.

 

1   Qulqullina keenyaa fi naannoo keenyaa eeggachuu.

2   Boqonnaa gahaa argachuu.

3   Akka dansaatti nyaachuu fi bishaan baay’ee dhuguu.

 

Kan qoricha barbaachisu dhukkubni hamaan yoo jiraate iyyuu qaamni keenya kan dhukkuba  lolee injifatu dhalootaan of keessaa qaba akkuma ibsinetti. Qorichi gargaaruuf itti dabalama malee dhagna keenya kan hojii guddaa hojjetu.

 

Yoo akkaataa dhukkuba of irraa ittisan barattan bakka qorichi hin jirre jiraattan iyyuu dhukkuba baay’ee of irraa ittisuuf waan baay’eee hojjechuu ni dandeessan.

 

Yoo sirrii kan ta’e akkaataa bishaan itti fayyadamtan barattan bishaanumti qofaan dhukkuba hedduu irraa nama hambisa, nama fayyisas.

 

AKKAATAA BISHAANIIN FAYYAN

 

Hedduun keenya qoricha malee ni jiraanna garuu hundi keenya bishaan malee jiraachuu hin dandeenyu. Yoo qotee-bultootnii fi namootni ganda keessa jiraatan(village) bishaan akka gaariitti(baheessa godhanii) dhimma itti bahan dhukkuba yookiin du’a hedduu irraa of hambisuu ni danda’ani. Keessumaa ijoollee dhukkubaaf du’a irraa of hambisuu akka danda’amu isin hubachiisuu feena. Fakkeenyaaf dhukkuba garaa kaasaa isa keesumaa ijoollee baay’ee fixu. As irratti kan hubachiisuu barbaannu bishaan raammoolee fi kan dhukkuba fiduu danda’an jermiidhaan makame sababii dhukkuba garaa kaasaa ta’uu waan danda’uuf bishaanicha qulqulleessuun barbaachisaa dha. Kanaaf qulqulleessuuf akka kanaan gadiitti yoo goone mishoo dha.

 

1     Bishaan dhugaatii bulluqsii/danfisii qabbaneessii dhugi. Daqiiqaadhuma tokkoof illee bulluqsuun yookiin danfisuun kan dhukkuba garaa kaasaa fidan ni ajjeesa. Yoo nyaataa fi  kubbaayyaa fi fal’aanatti dhimma baatu ta’e yoo danda’ame isaaniinis bulluqa bishaanii keessatti affeeluu barbaachisa. Yookiin ammoo bishaan bulluqeen dhiquu. Xuuxxoo dhiqanii qulqullina isaa eeggachuu waan hin dandeenyeef ijoolleef aannan yookiin mooqa ittiin kennuun haa hafu. Xuuxxoon balaa dhukkubaa ijoolleetti waan fiduuf cufa itti dhimma hin  bahinaa. Erga mana fincaanii yookiin bakkee dhaqanii boodaa fi utuu nyaata hin  nyaatin yookiin utuu midhaan harkaan hin qabin harka ofii dhiqachuun barbaachisaa dha.

2     Yoo rakkinni qoraanii ni jira ta’e bishaan dhugaatii waraabanii aduu keessa tursuudhaan jermiilee yookiin raammoolee hedduu fixuun ni danda’ama.

3     Lafa bishaan bulluqsuunis yookiin danfisuunis aduu keessa kaa’uunis hin danda’amnetti bishaan dhugaatii waraabaatii halkan tokkoof guyyaa tokko utuu itti hin bu’in lafa kaa’aa. Bishaanichis ni calala, jarreen dhukkuba fidanis bishaan calale jala ni ciisu. Baay’een isaaniis ni du’u.

 

Ijoolleen dhukkuba garaa kaasaadhaan/albaatiidhan qabamanii du’an sababiin du’a isaanii inni guddaan dhagna isaanii keeessaa bishaanni dhumuu dha ykn qaamii isaanii coollaguu irraan kan ka’ee dha. Ijoollee akkasitti dhukkubsatan kanaaf bishaan hedduu kennuun balaa akkasii irraa hambisa. Bishaan kanatti sukkaaraa fi soogidda dabaluun barbaachisaa dha. Sirriitti bishaanitti dhimma bahuun  qoricha duwwaatti dhimma bahuu irra caala.

 

DHUKKUBA OF IRRAA ITTISUUF BISHAANNI BAKKA INNI ITTI FAYYADU  

1     Dhukkuba garaa kaasaa, raammoo garaa fi dhukkuba mar’umaanii of irraa dhowwuuf bishaan dhugaatii bulluqsuu/aduu keessa kaa’uu/akka inni calalu godhuu, harka dhiqachuu, qodaa itti nyaatan qulqullummaa isaa eeggachuu.

2     Dhukkuba gogaa adda addaa of irraa eeguuf dhagna dhiqachuu.

3     Madaa xuraa’ee fi malaa yaase qulqulleessuuf madaa sana bishaanii fi saamunaadhaan dhiquu. Yoo saamunaan hin jiru ta’e bishaanuma qofaadhaan dhiquu dha.

4     Lafa raammoon giinii jirutti namni dhukkuba kana qabu bishaan keessa akka hin dhaabanne taasisuu dha. Bishaan dhugaatii erbee yookiin wayyaa qulqulluudhaan calaluu dha.

 

DHUKKUBA IRRAA FAYYUUF BAKKA BISHAANNI ITTI FAYYADU  

1     Dhukkuba garaa kaasaa fi dhukkuba dhagna keessaa bishaan fixu irraa fayyuuf bishaanii fi kan bishaan fakkaatan baay’isanii dhuguu dha; (dhugaatii nama macheessu irraa kan hafe)

2     Dhukkuba dhagna ow’ina fidu irraa of fayyisuuf bishaan hedduu dhuguun barbaachisaa dha.

3     Yoo dhukkubni dhagna ow’isaa isin qabee ow’i dhagnaa kun baay’ee ol ka’aa ta’e qaama bishaan qabbanaawaa keessatti cuuphuun baay’ee barbaachisaa dha.

4     Yoo dhukkubbii lallaafaa afuuffee fincaaniitii fi ujummoo fincaanii nama qabe keessumaa dubartoota keessatti bishaan hedduu dhuguun gaarii dha.

5     Yoo qufaan, dhukkubni ukkaamsaan nama qabe bishaan baay’inaan dhuguu fi bishaan bulluqaa  jiru irratti of uluunis/danfa ulachuunis hedduu feesisa.

6     Dhukkubni gogaa adda addaa yoo nama qabe bishaanii fi saamunaadhaan rirriitanii yookiin sukkuumanii dhiqachuu nama barbaachisa.

7     Dhukkubni gogaa kan madaa hammaatee fi dhullaa fafakkaatan yoo nama qabe bishaan ow’aatti dhuubuun danuu barbaachisa.

8     Yoo miilli nama meellate yookiin micciiramee nama dhukkube guyyaa dheeraatiif bishaan qabbanaawaa keessa kakaa’uu.

9     Yoo buusaa buusaa yookiin aangoo aangoon nama dhukkube  foonni irree fi kan kana fafakkaatan nama dhukkube waan wayyaa yookiin kafana fafakkaatan bishaan ow’aa keessa cuuphanii bakka nama dhukkubu sana irratti ammaa amma gadi qabuu.

10   Yoo dhukkubni dhagna nama hooqsisu, dhagna nama gubu nama qabe hooqsisaan sun bishaan yaase wayyaa yookiin huccuu bishaan qabbanaawaa keessa cuuphuudhaan bakka nama dhukkubu irratti gadi qabuu.

11    Yoo laagaa keessa nama dhukkube bakka dhukkube sanatti bishaan ow’aa soogidda qabuun lulluuqqachuu.

12    Ibiddaan gubatanii miidhaan gubannaa xixinnoon yoo nama irra gahe bishaan qabbanaawaa itti naquu yookiin bishaan qabbanaawaa itti qabuu.

13    Yoo ija keenya keessa huubni yookiin biyyoon yookiin kan ija namaa gubu itti gale/nam’e bishaan qabbanaawaa itti lolaasuun mishoo dha/dansa/gaarii dha.

14    Yoo funyaanni nama cuqqaalame bishaan soogidda qabu funyaaniin ol harkisuun yookiin ol xuuxuun namatti fooyyessa.

15    Goggoginni garaa yoo nama qabate bishaan baay’ee dhuguun garaa namaa laaffisuuf ni gargaara.

 

Copyright ® 2006 OHPA
  Home            Membership       Current Projects        Activities         Contacts 

  HOME

MEMBERSHIP

PROJECTS

ACTIVITIES

CONTACT

WALDAA OGEEYYII FAYYA OROMOO (WOFO)
OROMO HEALTH PROFESSIONALS ASSOCIATION