|
|
Qaama
gubaa(layyidaa)
("Fever in general")
Yoo nanna gubaa tokko bulti kudha shanii gadi nama irra ture kan hin
qancarre jedhama (xobbe yookaan kan ammaa- acute jechuudha).
Gababaadhummatti sababi isaa dhukkuba yeroo gababaaf nama dhukkubu ta’uu
ni danda’a(acute fever). Yoo layyidaan yookaan dhanna gubaan tokko bulti
kadha shanii ol nama irra ture garuu qancara jedhama(turaa ykn guboo)
chronic fever)
Lafa laabooraatooriin jirutti isa kamiin akka ta’e dhukkuboota baayyee
gargar baafachuun salphaa yoo ta’ee iyyuu dhukkuba nanna gubaa kan fidu
maal akka ta’e baruun nama rakkisa keesumaa bakka laabooraatooriin hin
jirretti.
Walumaa galatti ummata bala’aa hubachiisuuf layyidaa yookiin nanna guba
nama irra tueee fi nama irra hin turre jennee iddoo lammatti qooduun
wallaans fayyaaf kennamuuf waan nama gargaaruuf mana yaalaa( man hakiimii)
ugguu dhaqan kana mataatti qabatanii dhaquun haaala tajaajilaa mijeessa.
Qormaata yeroo hundumaa layyidaaf yookiin nanna gubaaf laabooraatooriitti
godhamu
1. Qormaata dhiiga keessatti buseef (busaaf) godhamu.
2. Lakkoobsa dhiiga adii fi akaakuu dhiiga adii dhiiga adii keessa jiran
Yoo jermiin busee dhiiga keessatti argame dhukkubi isaa busee duwwaa
ta’u waan danda’uuf wallaansa buseedhaaf ta’u kennuudha. Yoo jermiin
busee dhiiga keessatti argamuu baate dhiigi lakkobsii dhiiga adii itti
dabaluu baatee ammas dhukkubi kun busaa tahuu ni danda’atii wallaansa
busaaf tahu kennuu barbaachisa bakka busaan jirutti.
Yoo jermiin busaa dhiiga keessatti argame, lakkoobsi dhiiga adiis ol
ka’e
sababiin layyidaa kanaa dhukkuba busee biratti dhukkuba biraa jiraachuu
waan danda’uuf dhukkubicha maal akka ta’e baruuf qormaata biraa
barbaachisa.
A Dhukkubsooti layyidaa yookaan dhanna gubaa xobbee( kan ammaa)—yeroo
gabaabaaf godhatan(acute) fi lakkoobsi dhiiga isaanii inni adiin yoo ol
ka’e dhukkuba kanaan gadii qabaachuu ni danda’u.
1. Dhukkuba laagaa keessaa-kan akka dhukkuba huuba qoonqoo
2. Michii sombaa-kan qufa’aa, qoma diraa(waraansa qoma’aa) fi hancufa
xura’ee tufuu ni qaba’aata.
3. Dhukkuba buusaa yookiin aangoo - Kun dhukkuba guddaa fi hiitoo
buusaa yookiin aangoo ni qabaata.
4. Dhukkuba kalee- kan dafee dafee finceessisu, ugguu finca’aani
dhukkubbii namatti dhagahaamu fi dhukkubbii mudhii qabaachuu ni danda’a.
5. Dhukkuba boquu yookaan morma haqaaqaa(meningitis)- Kun dhukkuba
guddaa mataa fi qolee keessa jiraatee morma gossa.
6. Dhukkuba lafee-dhukkubbii guddaa lafee keessatti namatti dhagaahama.
7. Dhukkuba malaa harkee taahumsaa (randa)(pelvic abscess)- kun
dhukkubbi guddaa huffaa keessatti namatti dhagaahamu.
8. Dhukkuba garaa kaasaa dhiigaa-- Kun garaa kasaa bakteeriyyaadhaan
sababamu(raammoo ija keenyyaan arguu hin dandeenye)-basilaarii
diizantirii, kaamplobaakter)
9. Malaa xannacha’a- Kun hiitoo xannacha’a wajjin walitti hidhatee
jira.
10. Dhukkuba gogaa iddoo murta’etti diimatee jiru(erysipelas)
bakteeriyyaadhaan kan sababamu
11. Dhukkuba gogaa gogaa irratti daangaa isaa baruu hin danda’
amne(cellulitis) –Kunis bakteeriyyaadhaan sababama.
Fageenya mana yaalaa (mana hakiimii) irraan kan ka’e dhukkubsatootni
hedduun dhukkubooti kun erga nanna yookiin qaama namaa lixee waan gara
mana yaalaa dhaqaniif maalummaan isaa baruun nama hin rakkisu.
B Nanna gubaa yeroo gababaatiif tahee lakkoobsi dhiiga adii ol ka’e jiru
keessatti garuu nanna namaa irratti iddoo murtaahetti dhukkubbiin yoo hin
jiraanne dhukkubi kun kan ta’u danda’u
1. Dhiiga bakteeriyyaa adda addaatiin summa’ee tahuu ni danda’aa
Fakkeenyaf dhukkuba qola kutoota onnee(bacterial endocarditis)
2 Dhukkuba cinniinnaa tafkii antuuta irraa nama cinniinte irraa
dhufu, dhukkuba sabbata waaqayyoo fi dhukkubi kalee jiraachuu ni
danda’a. Akkasumas nanna gubaa cinniinnaa silmii fi injiraan irraa
dhufu. Kan akka golfaafaa jechuu dha.
3. Dhukkuba dhukkuba tasiboo(typhoid fever) hin taane garuu akkuma
golfaa nama dhukkuba. Mallattoon garaa dhukkubbii tokko tokko jiraachuu ni
danda’a. Diddiimaa kan ta’an firii xaafii kan fakkaatani nanna namaa
irratti yaa’aanii jiraachuu ni danda’u. Akkasumas kara bitaa chinaacha
jalatti garaa keessatti hiitoon jiraachuu ni danda’a(splenomegaly)
C Nanna gubaa yeroo gababaatiif ta’e lakkoobsi dhiiga adii nagaa ykn
gilgila(normal) yoo ta’e akkasuma busaan dhiiga keessatti hin argamne
yoo ta ’e. Kana keessatti harki guddaan dhukkuba vaayyirasii fi tasiboon
dhufu ta’ a. Dhukkuba tasiboo keessatti nammi dhukkuba kana qabu kan wal
irraa hincinne dhukkuba garaa keessaa himata.
D Baayyee barbaachisaa kan taa’aanii asi kan hin jedhamne nanna gubinaa
waliin kan jiraatani
Isaanis,
1. Nanna namaa irratti shif jedhanii kan yaa’aani.
2. Xannachoota iddoo adda addaatti yaa’aani
3. Hiitoo cinaacha gara bitaa jalatti hiita’u
4. Dhiiga hirrina
5. Dhukkuba sabbata waaqayyoo(hepatitis)
6. Dhukkuba buusaa yookiin aangoo
Isaan kun akkuma nanna gubaa yeroo gabaabaa keessatti baruun baayyee
barbaachisaa ta’an nanna gubaa turaa keessattis gargar baafachuun
dhukkubi isaa maal akka ta’ee baruuf nama gargaara.
A Nanna gubaa yeroo gabaabaa fi dhukkubbi tiruu
1. Malaa tiruu dhukkuba ameebaa irraa kan dhufu ta’u ni danda’a
2. Dhukkuba sabbata waaqayyoo ta’uu ni danda’a
B Nanna gubaa yeroo gabaabaa fi xofxofii nanna namaa irraa dhiigu. Kan
dhukkuba akkasii fidu dandaa’aani gurguddaan lamaanii,
1. Dhukkuba qaama gubaa(layyidaa) vayyirasii(dengue, chikungunya,rift
valley fever)
2. Meningokokaal kan jedhamu bakteeriyyaadhaan kan sababamu summaa’uuu
dhiigaa. Dafanii dhukkuba kana irra gaahanii nama dhukkubsate sanaaf
wallaansa fayyaa kennuun du’a irraa isa oolcha.
Dhukkubooti xofxofiin nanna irraa utuu hin dhiigin nanna gubaa fidan
hedduutu jiru. Yoo qoricha busaaf kenname irraa kan ka’e xofxofii nanna
namaa irratti yaa’ee malee dhukkuba busaa duwwaadhaan xofxofiin qaama
namaa irratti hin yaa’uu.
C Qaama gubaa gabaabaa dhiiga hirrinaa waliin- Harki guddaan dhukkuboota
kana fidan,
1. Busaa.
2. Babesiosis—Dhukkubi kun ciniinnaa silmiitiin natatti darba. Dhukkubi
isaas dhukkuba qandhoo ykn busaa wajjin wal fakkaata.
3. Bartonellosis—Dhukkubi kun dhukkuba layyidaa dedeebi’aa wajjin wal
fakkata. Hedduun kan inni argamu biiyyoota Ameriikaa kibbaa keessatti.
4. Dhukkuba nama dhukkuba dhiiga hirrina turaa qabu(sickle-cell disease
or thalassaemia, or with G6PD deficiency). Lakkoobsi 1 fi 4 keesuma
dhukkuba qaama gubaa gabaabaa dhiiga hirrina keessatti yeroo baayyee
argamu. Dhukkubbiin buusaa(aangoon) baayyeen nama dhukkuba sanyiin dhufu
dhukkuba dhiigaa(sickle-cell disease) qabu keessatti ni argama. Dhukkubi
sabbata waaqayyoo nama dhalootan hirrina qimama(G6PD) qabu dhukkubi michii
sombaa qabate keessatti ni argama.
Layyidaa(nanna gubaa) turaa guboo(chronic fever)
Nanna gubaa turaa ykn guboo jechuun layyidaa torban lamaa ol nama irra
turu jechuudha. Al tokko tokko nanna gubaan gabaabaa fi nanna gubaan turaa
ykn wal irraa dachaa’aanii argamu. Sababi isaas dhukkubi lamaan isaani
ummani ayina tokko ta’e layyidaan isaa torban tokko duwwa turuu ni
danda’a, al tokko tokko ammo torban lamaa ol tura. Fakkeenyaaf dhukkubi
tasiboo(typhoid fever) nama tokko tokko keessatti guyyaa yaraa duwwaa
layyidaa ummee dhiisa, garuu nama tokko tokko keessatti utuu wal irraa hin
citini torban sadiif layyidaa ( nanna gubaa) namatti gadhiisa.
Dhukkubootni kanaan gadii warra layyidaa turaa fidan keessaa warra qooda
ol aanaa qabani
1. Warra lakkoobsa dhiiga adii ol kaasan layyidaa turaa.
A Malaa qaama keessa dhokatee jiru- jechuun qaama keessa gadi fagaatee
jiru
B Malaa tiruu ameebaadhaan sababamu
C Dhukkuba gogaa kan dhukkuba qurcii fakkaatu(erythema leprosum) Isaan
sadan kana keessatti layyidaan utuu ol irraa hincitini jiraata.
D Dhukkuba hidda hadhooftuu(cholangitis)
E Dhukkuba layyidaa dedeebi’a( relapsing fever)
Isaan lamaan kana keessatti layyidaan takka ni dhufa takka takka
ammo ni bada.
2. Nanna gubaa(layyidaa) turaa ol ka’aa lakkoobsa akaakuu dhiiga adii
esinoofiili jedhamu(eosinophilia) wajjin werrerra kan
sishistosoma(bilihaarziyaa) marrummaanii fi afuuffee finca’anii irraa.
A Summi dhiiga keessa faca’ee
B Werrerra dhukkuba fasciola hepatica tiruu
C Dhukkuba wuchereriyaa bankrooftii fi birugiyaa malaayyi hidda
xannacha’a fidu(acute lymphangitis)
D Walitti tochoyyina larva migrans kuusa mi’a garaa toksocaaraa
kaanisiin sababamu
3. Dhanna gubaa turaa gadi hirrina lakkoobsa akaakuu dhiiga adii ni’
utroofiiliis jedhamu (neutropenia) wajjin.
A Busaa
B Tb qaama keessa faca’ee
C Dhukkuba leyyishimaniyyaasis
D Dhukkuba aannan dheedhii dhuguu irraa fi itittuu dheedhii nyaachu irraan
kan dhufu birusiloosis kan jedhamu. Dhukkubi kun namoota jireenyi isaanii
horii wajjin walitti qabatee jiru keessatti irra caalaa argama. Horiyyoota
arkaan qaqabuudhaa fi qilleensa naannoo sana jiru keessatti baafachuun
dadarba. Yeroo booddana kan akka qunnamti fooniitiinis darbu akka
danda’u qorannoodhaan irra gahameera.
4. Layyidaa turaa(guboo) fayyaa gilgila dhiiga adii wajjin( oils gadis
hin ka’u)
A Tb qaama keessa hin faca’ini
B biruseloosis
C Fanxoo sadarkaa lammaffaa
D Dhukkuba raffisaa(tiripanosomiyyaasis)
E Toksopilaasmoosis
F Dhukkuba keessa dagalee kutaa onnee baakteeriyyaa irraa kan dhufu
G Sisitemmik lupus irritemaatoosus(SLE)
H Meningokokaal kan jedhamu baakteeriyyaadhhan kan dhufu summa’uu
dhiigaa turaa(goboo)
I Baakteeriyyaa irraa kan dhufu dhukkuba buusaa(aangoo)
5. Nanna gubaa(layyidaa) turaa lakkoobsa dhiiga adii olii gadi kaataa
wajjin
A Hiitoo adda addaa
B Rettikuloosis
D Rifaatii nannaa qoricha fudhachuu irraa kan dhufu(drug reactions)
Dhanna gubaa(layyidaa) turaa(guboo) gumaa dedeebi’a wajjin
Kana keessatti yeroo tokko layyidaan dhufee yeroo tokko ammo layyidaan
(nanna gubbaa) culloo(haadhuma) isaa badee nammi sun fayyaa ta’a.
Dhukkubooti kanaan ol maqaa dhahaaman layyidaa akkasii fiduu ni danda’an
garuu warri kanaan gadi tarreeffaman ammo caalaatti dhukkuboota layyidaa
akkasii fidaniidha.
A Busaa
B leyishimaniyyaasis kan kuusaa mi’a garaa(visceral leishmaniyyaasis)
C Dhukkuba raffisaa( tiripanosomiyyaasis
D Nanna gubaa dedeebi’aa
E Biruseloosis
F Filaariyyaasis- dhukkuba raammoo gogaa jalaa
G Dhukkuba hidda hadhooftuu
Ummata mudhii lafaa fi naannoo mudhii lafaa irra jiraatan keessatti
layyidaan sababiin isaa hin beekamne yeroo baayyee nanna gubaan kun
dhukkuba Tb nanna keessa faca’een kan ummamu. Kanaaf sababa layyidaa
(nanna gubaa) tokko qoratamee yookiin laaboraatooriitti sakata’mee
yookiin qoratamee dhabame kan layyidaa kana fide Tb qaama keessa faca’e
ta’uu waan danda’uuf dhukkubsataa sana qoricha Tb kennuun misha
yookiin dansa yookiin gaariidha.
Dhukkubi Tb nanna keessa faca’e kunis fakkeenyaaf dhukkuba Tb-
1. Marrummaanii- lafa marrummaan qalla’a fi furdaan walgahu
2. Xannacha kuusaa mi’a garaa
3. Marrummaanii
4. Kalee
Yoo nanna gubaa turaa bushaan kuusaa mi’a garaa keessatti kuusamee
wajjin walqabatee jiraate dhukkubi isaa tb kuusaa mi’a garaati(Tb
peritonitis).
Toksopilasimaa goondii kan foon loonii yookaan oolaa bakkee adurree keessa
jiru aanqaaquu/buphaa/killee Toksopilasimaa goondii margaa wajjin nyaate
dhufuudha. Yoo utuu baheessa godhanii hin bilcheessin foon loonii yookiin
oolaa kana nyaatan nanna gubaan nama qaba.
Yeroo ammaa kana dhukkubi HIV(AIDS)iis nanna gubaa turaa fida. Sababa
HIV(AIDS) duwwaa utuu hintaanee sababuma isaatiin kan dhufan dhukkubooti
adda addaas nanna gubaa(layyidaa) turaa fidu.
Egaa nanna gubaa yookiin layyidaa ammaa yookiin xobbee fi layyidaa
turaa kan fidan dhukkubooti adda addaa hedduun waan jiraniif isa kamiin
akka ta’ee gargari baafachuuf waanti kanaan ol kaa’aamani isin
gargaara jennee waan abdii qabnuuf barumsa radiyyooniin darbu kana qalbiin
caqasaatii fayyaa keessan eeggachuuf itti dhimma bahaa jenne kabajaan isin
hubachiifna. |
|
|