QORICHA
MALEE DHUKKUBA IRRAA FAYUU
Dhukkuba
baay’ee kan ta’aniif qoricha hin barbaachisu. Qaamni keenya dhukkuba
akka of irraa dhorkuu fi akka dhukkuba
injifatu uumaadhaan kan kennameef qaba. Akka qaamni keenya dhukkuba
of irraa faccisuu fi injifatu gochuuf waan sadii gochuu nu barbaachisa.
1 Qulqullina
keenyaa fi naannoo keenyaa eeggachuu.
2 Boqonnaa
gahaa argachuu.
3 Akka
dansaatti nyaachuu fi bishaan baay’ee dhuguu.
Kan
qoricha barbaachisu dhukkubni hamaan yoo jiraate iyyuu qaamni keenya kan
dhukkuba lolee injifatu
dhalootaan of keessaa qaba akkuma ibsinetti. Qorichi gargaaruuf itti
dabalama malee dhagna keenya kan hojii guddaa hojjetu.
Yoo
akkaataa dhukkuba of irraa ittisan barattan bakka qorichi hin jirre
jiraattan iyyuu dhukkuba baay’ee of irraa ittisuuf waan baay’eee
hojjechuu ni dandeessan.
Yoo
sirrii kan ta’e akkaataa bishaan itti fayyadamtan barattan bishaanumti
qofaan dhukkuba hedduu irraa nama hambisa, nama fayyisas.
AKKAATAA
BISHAANIIN FAYYAN
Hedduun
keenya qoricha malee ni jiraanna garuu hundi keenya bishaan malee
jiraachuu hin dandeenyu. Yoo qotee-bultootnii fi namootni ganda keessa
jiraatan(village) bishaan akka gaariitti(baheessa godhanii) dhimma itti
bahan dhukkuba yookiin du’a hedduu irraa of hambisuu ni danda’ani.
Keessumaa ijoollee dhukkubaaf du’a irraa of hambisuu akka danda’amu
isin hubachiisuu feena. Fakkeenyaaf dhukkuba garaa kaasaa isa keesumaa
ijoollee baay’ee fixu. As irratti kan hubachiisuu barbaannu bishaan
raammoolee fi kan dhukkuba fiduu danda’an jermiidhaan makame sababii
dhukkuba garaa kaasaa ta’uu waan danda’uuf bishaanicha qulqulleessuun
barbaachisaa dha. Kanaaf qulqulleessuuf akka kanaan gadiitti yoo goone
mishoo dha.
1 Bishaan
dhugaatii bulluqsii/danfisii qabbaneessii dhugi. Daqiiqaadhuma tokkoof
illee bulluqsuun yookiin danfisuun kan dhukkuba garaa kaasaa fidan ni
ajjeesa. Yoo nyaataa fi kubbaayyaa
fi fal’aanatti dhimma baatu ta’e yoo danda’ame isaaniinis bulluqa
bishaanii keessatti affeeluu barbaachisa. Yookiin
ammoo bishaan bulluqeen dhiquu. Xuuxxoo dhiqanii qulqullina isaa eeggachuu
waan hin dandeenyeef ijoolleef aannan yookiin mooqa ittiin kennuun haa
hafu. Xuuxxoon balaa dhukkubaa ijoolleetti waan fiduuf cufa itti dhimma
hin bahinaa. Erga mana
fincaanii yookiin bakkee dhaqanii boodaa fi utuu nyaata hin
nyaatin yookiin utuu midhaan harkaan hin qabin harka ofii
dhiqachuun barbaachisaa dha.
2 Yoo
rakkinni qoraanii ni jira ta’e bishaan dhugaatii waraabanii aduu keessa
tursuudhaan jermiilee yookiin raammoolee hedduu fixuun ni danda’ama.
3 Lafa
bishaan bulluqsuunis yookiin danfisuunis aduu keessa kaa’uunis hin
danda’amnetti bishaan dhugaatii waraabaatii halkan tokkoof guyyaa tokko
utuu itti hin bu’in lafa kaa’aa. Bishaanichis ni calala, jarreen
dhukkuba fidanis bishaan calale jala ni ciisu. Baay’een
isaaniis ni du’u.
Ijoolleen
dhukkuba garaa kaasaadhaan/albaatiidhan qabamanii du’an sababiin du’a
isaanii inni guddaan dhagna isaanii keeessaa bishaanni dhumuu dha ykn
qaamii isaanii coollaguu irraan kan ka’ee dha. Ijoollee akkasitti
dhukkubsatan kanaaf bishaan hedduu kennuun balaa akkasii irraa hambisa.
Bishaan kanatti sukkaaraa fi soogidda dabaluun barbaachisaa dha. Sirriitti
bishaanitti dhimma bahuun qoricha
duwwaatti dhimma bahuu irra caala.
DHUKKUBA
OF IRRAA ITTISUUF BISHAANNI BAKKA INNI ITTI FAYYADU
1 Dhukkuba
garaa kaasaa, raammoo garaa fi dhukkuba mar’umaanii of irraa dhowwuuf
bishaan dhugaatii bulluqsuu/aduu keessa kaa’uu/akka inni calalu godhuu,
harka dhiqachuu, qodaa itti nyaatan qulqullummaa isaa eeggachuu.
2 Dhukkuba
gogaa adda addaa of irraa eeguuf dhagna dhiqachuu.
3 Madaa
xuraa’ee fi malaa yaase qulqulleessuuf madaa sana bishaanii fi
saamunaadhaan dhiquu. Yoo saamunaan hin jiru ta’e bishaanuma qofaadhaan
dhiquu dha.
4 Lafa
raammoon giinii jirutti namni dhukkuba kana qabu bishaan keessa akka hin
dhaabanne taasisuu dha. Bishaan dhugaatii erbee yookiin wayyaa
qulqulluudhaan calaluu dha.
DHUKKUBA
IRRAA FAYYUUF BAKKA BISHAANNI ITTI FAYYADU
1 Dhukkuba
garaa kaasaa fi dhukkuba dhagna keessaa bishaan fixu irraa fayyuuf
bishaanii fi kan bishaan fakkaatan baay’isanii dhuguu dha; (dhugaatii
nama macheessu irraa kan hafe)
2 Dhukkuba
dhagna ow’ina fidu irraa of fayyisuuf bishaan hedduu dhuguun
barbaachisaa dha.
3 Yoo
dhukkubni dhagna ow’isaa isin qabee ow’i dhagnaa kun baay’ee ol
ka’aa ta’e qaama bishaan qabbanaawaa keessatti cuuphuun baay’ee
barbaachisaa dha.
4 Yoo
dhukkubbii lallaafaa afuuffee fincaaniitii fi ujummoo fincaanii nama qabe
keessumaa dubartoota keessatti bishaan hedduu dhuguun gaarii dha.
5 Yoo
qufaan, dhukkubni ukkaamsaan nama qabe bishaan baay’inaan dhuguu fi
bishaan bulluqaa jiru irratti
of uluunis/danfa ulachuunis hedduu feesisa.
6 Dhukkubni
gogaa adda addaa yoo nama qabe bishaanii fi saamunaadhaan rirriitanii
yookiin sukkuumanii dhiqachuu nama barbaachisa.
7 Dhukkubni
gogaa kan madaa hammaatee fi dhullaa fafakkaatan yoo nama qabe bishaan
ow’aatti dhuubuun danuu barbaachisa.
8 Yoo
miilli nama meellate yookiin micciiramee nama dhukkube guyyaa dheeraatiif
bishaan qabbanaawaa keessa kakaa’uu.
9 Yoo
buusaa buusaa yookiin aangoo aangoon nama dhukkube
foonni irree fi kan kana fafakkaatan nama dhukkube waan wayyaa
yookiin kafana fafakkaatan bishaan ow’aa keessa cuuphanii bakka nama
dhukkubu sana irratti ammaa amma gadi qabuu.
10 Yoo
dhukkubni dhagna nama hooqsisu, dhagna nama gubu nama qabe hooqsisaan sun
bishaan yaase wayyaa yookiin huccuu bishaan qabbanaawaa keessa
cuuphuudhaan bakka nama dhukkubu irratti gadi qabuu.
11
Yoo laagaa keessa nama dhukkube bakka dhukkube sanatti bishaan
ow’aa soogidda qabuun lulluuqqachuu.
12
Ibiddaan gubatanii miidhaan gubannaa xixinnoon yoo nama irra gahe
bishaan qabbanaawaa itti naquu yookiin bishaan qabbanaawaa itti qabuu.
13
Yoo ija keenya keessa huubni yookiin biyyoon yookiin kan ija namaa
gubu itti gale/nam’e bishaan qabbanaawaa itti lolaasuun mishoo
dha/dansa/gaarii dha.
14
Yoo funyaanni nama cuqqaalame bishaan soogidda qabu funyaaniin ol
harkisuun yookiin ol xuuxuun namatti fooyyessa.
15
Goggoginni garaa yoo nama qabate bishaan baay’ee dhuguun garaa
namaa laaffisuuf ni gargaara.
|