Barrefanno fayyaa

  Dhukuba busaa

  Dhukuba xannee

  Garaa kaasaa

  Qoricha malee

  Qulqullina nyaata

  Tasiboo
  Qaama Gubaa
  Golfaa
  Burn (Gubaa)
  Unconciousness
  Being chocked
  Nyaata (Nutrition)
Your comment on the site

 

 

 

Tasiboo (Typhoid fever)

 

Typhoid fever(tasiboo) jechuun dhukkuba baakteeriyaa ija keenyaan arguu hin dandeenyen kan namatti dhufu. Dhukkubi kun kan nama tokko irraa isa biraatti darbu dhukkuba dadarbaa dha. Dhukkubi isaas yeroo hundumaa afaaniin. Kana jechuun waan nyaatanii fi waan dhugan wajjin waan dhukkuba kana fidu nyaachuudhaan yookiin dhuguudhaan jechuudha. Akkaataa mallattoon  isaa nama irratti mulatu baayyina baakteeriyaa nyaataa fi dhugaatii wajjin nanna nama keessa lixu irratti irkata. Yoo baakteeriyaan dhukkuba kana fidu baayyee ta’ee qaama namaa lixe nammi kun dafee dhukkubsatee mallattoon dhukkuba kanaa nama irratti mulata.

 

Baakteeriyaan dhukkuba kana fidu minaan nyaataa keessatti dafee dafee wal horudhaan baayyee bayyata. Kanaaf namooti mana nyaataa gola keessa hojjetan dhukkuba kana namatti dadabarsuuf qooda ol aanaa qabu. Keesumaa dhukkuba kana dadabarsuuf warri mallattoo isaa utuu hin agarsiisin of keessatti baatanii nama gidduu jiraatan dhukkuba kana dadabarsuuf hedduu qooda ol aanaa qabu.

 

Dhukkuba tasiboo kana erga minaanii wajjin gara nanna keessa lixee booddee dhiigatti gala. Dhiigi fuudhee gara cumaa lafee , tiruu, spiliinii(spleen) fi afuuffee hadhooftuutti galcha. Karaa hadhooftuu ammas gara marrumman namaatti gala. Raammoon(baakteeriyaan  dhukkubaa kun kutaa qaamootaa adda addaa kanatti miidhaa adda addaa  fiduudhaan nammi sun akka dhukkubsatu godha. Dhukkubi isaa wal xaxaa ta’ee marrumman nama dhukkubsatu kanaa akka dhiiguu fi huratu godha.

 

Mallattoon dhukkuba kanaa nama adda addaa irratti adda adda. Nama dhukkubi isaa dhukkuba tasiboo ta’un isaa addaan baafatee beekamu keessatti nanna gubaan sababa isaatiin dhufu torban sadii booda hin dhaabata, nammi dhukkubi kun qabes ni fayya. Kaan kaan keessatti nanna gubaan isaa torban bayyeedhaaf nama irra tura. Kaan kaan keessatti ammoo layyidaan yookiin nanna gubaan yeroo gababaaf ture nammi dhukkubsate kun ni fayya.

 

Du’innii dhukkuba kana irraa dhufu yeroo baayyee wal xaxina isaa iraati. Kana jechuun dhukkuba kana irraa kan ka’ee marrummaan namaa hurachuuf dhiiguu akkasumas dhiigi namaa summa’u jechuudha.

 

Mallattoo dhukkuba Tasiboo( typhoid fever )

 

Baakteeriyaa(raammoo) dhukkuba kana fidu nanna namaa lixee guyyaa14-21 keessatti mallattoon isaa nama irratti mulata. Kana jechuun fakkeenyaaf nammi tokko nyaata mana nyaataatii yookiin lafa bashananaatii yookiin lafa waammichaatii yookiin lafa maabariitii yookiin lafa dabootii nyaatee dhugee bultii kudha afurii hanga torban sadii keessatti mallattoo dhukkuba kanaa yoo agarsiise dhukkubi isaa dhukkuba tasiboo ta’u ni danda’a.

 

Mallattoon isaa gurguddoon lamaan

  1. Qaama gubaa(layyidaa) fi
  2. Mataa bowwuu dha

Layyidaan(dhanna gubaa) isaa suutuma suuta itti dabalaa bula, torban isa duraa gara galgalaa ol ka’aa. Torban lammaffaa irratti alii gadi bu’aa alii ol ka’aa. Torban sadaffaa irratti walumatti aansee nanna gubuudhaan torban sadii booddee qabbana’a dhufee dhaabata.

 

Dhukkuboota layyidaa(qaama gubaa) fidan keessatti ugguu qaama gubaan ol ka’uu(high temperature) rukunnaan ones(dhikkisa dhiigaa) ol ka’a garuu dhukkuba tasibo keessatti yoo qaama gubaan ol ka’e iyyuu rukunnaan onnee ol hin ka’uu.

 

Mallattoon dhukkuba tasiboo kan biro akka kanaan gadiiti

  1. Nammi dhukkuba kanaan qabame fayyummaan itti hin dhagaahamu.
  2. Dadhabbiitu itti dhagahama.
  3. Nanna cacabsa akkasumas nanna dhukkuba.
  4. garaa hammeessa.

Mallattoonni kanaan gadiis dhukkuba tasiboo keessatti beekamoodha

  1. Garaa dhukkubbi akkasumas garaa keessa namatti hin tolu.
  2. Garaa nama gossa.
  3. kaan kaan keessatti ammoo garaa kaasaatu jiraata, keesumaa gara booddanaa keessa.
  4. Gurra namatti duucha.
  5. Qufa’anis jiraachuu ni danda’a.
  6. funuunni jiraachuu ni mala.
  7. Ijoollee keessatti qaama gubaan baayyee ol ka’uu irraan kan ka’e urgufsiisaan jiraachuu ni danda’a, garuu  ijoollee keessatti mallattoon hundii akka nama guddaa keessatti  argamu hin argamu.

Nama dhukkuba tasiboo qabu irratti waan kanaan gadii arguun ni danda’ama.

 

Yoo dhukkubsataan sun dafee mana yaalaa dhaqe mallattoon dhukkuba kanaa baayyen isaa irratti hin mullatu. Dhukkubsataan dhukkubi kun qabee torban lama turee yoo manaa yaalaa dhaqes dhaquu baatus mallattoon kanaan gadii irratti mullatu.

  1. Layyidaa yookiin dhanna gubaa.
  2. Layyidaa ol ka’ina waliin hin deemne onnee rukkunnaa ykn dhikkisa dhiigaa(pulse)
  3. Hiitayina tiruu.
  4. Hiitayina karaa bita lafee qomaa jala kan yoo itti bu’ani dhukkubu. Lakkoobsi 3 fi 4 guyyaa yaraa booddee argamu garuu utuu hin argaminis turuu ni danda’u.
  5. Jijjirra surrii(mental change) cabaalaquu, mallattoo maraataa agarsiisuu.
  6. jijjirra ujummoo qilleensaa(signs of bronchitis)
  7. Xofxofii diimaa qaama irraa. Yeroo baayyee mormaa gadiif moo’oo ol. Dhukkubi qabee torban tokko booddee mumullachuu danda’u. Dhukkubsatoota hunda keessatti miti kan argamani.Yoo qeensaan gadi qaban ni badu garuu ni deebi’uu.
  8. Morma gogina(qolee gossaa).
  9. Duudina gurraa(gurra cuqqaaluu)

 Walxaxina dhukkuba tasiboo(hammeenya dhukkuba tasiboo)

 

Nammi dhukkuba kana qabu erga dhukkubi kun hammaatee mana yaalaa dhufuu ni danda’a. Kanaaf hammeenyi isaas dhukkuboota kanaan gadii ta’uu waan danda’aniif dammaqinaan eegamuu qabu.

 

1. Marrummaan hurachuu: kun dhukkubi kun qabee torban sadii booddee ta’aa. Nammi walxaxa’an dhukkuba akkasii irra gahu hedduu waan dhukkubsatuuf yoo garaa bokoksuu ta’e malee mallattoon dhukkuba huramuu marrummaanii irraa dhufu hin argamu garuu hammeenyi dhukkubichaa fi rukkunnaan onnee ykn dhikkisa dhiigaa(pulse) itti dabala. Wallaansi fayyaas asi irratti garaa baqaqsuudha.

  1. Dhiiguu marrummaanii: kunis dhukkubichi qabatee torban sadii booddeedha. Baayyees xiqqoos dhiigu ni danda’a. Bakka dhiiga kennuun jirutti dhiigi duwwaan ni gaha.
  2. Dhiiga hirrina
  3. Dhukkuba qola yookiin aguuggii sammuu: mataa bowwuu fi morma gossaa. Asi irratti hammeenya dhukkuba golfaa ta’u isaatiif dhukkuba aguuggi sammuu biraa ta’u isaa gargar baafachuuf nama rakkisa.
  4. Dhukkuba kalee: Kun akka Kaleen hojii isaa akka dhaabetti yookiin dhukkuba kalee irraan kan ka’e akka qaammi namaa hiitawwu ta’e mullachuu ni danda’a.
  5. Malaa dhukkuba tasibootiin dhufu: Malaan kun iddoo baayyeetti mullachuu ni danda’a. Fakkeenyaaf tiruu, sammuu, harma akkasumas lafee keessatti argamuu ni danda’a.
  6. Dhukkuba lafee: Buusaa yookiin lafee keessatti dhukkuba adda addaa uumuu ni danda’a
  7. Dhukkuba tasiboo ykn typhoid fever irraan kan ka’e dhukkuba gooba qeerroo, dhukkuba afuuffee hadhooftuu, dhukkuba hidda dhiigaa sarbaa akkasuma laasheessa qaama hundaa(Guillain-Barre’ syndrome) dhufuu ni mala.

Namooti mallattoo dhukkuba tasiboo(typhoid fever) kana utuu hin agarsiisin marrummaanii fi afuuffee hadhooftuu isaanii keessatti qabatanii deeman baattota jermii dhukkuba kana fidu jedhamu(carriers). Jarreen kun jermii dhukkuba kana fidu yeroo dheeraaf bakkee isaanii wajjin baasuudhaan namoota birootti dhukkuba kana dadabarsu jechuudha.

  1. Dhukkuba ammaa(xobbee)(acute) afuuffee hadhooftuu.
  2. Dedeebina dhukkuba tasiboo

Bakka qulqullinni naannoo hinjirree fi qulqullinni nyaataa fi bushaanii hinjirretti namooti baattota jermii(baakteeriyaa) dhukkuba kanaa ta’ani nama hedduutti dadabarsaa jiraatu jechuudha. Isaanis yeroo adda addaa dhukkubi afuuffee hadhooftu itti kahuudhaan dhukkubsatu. Karaa mirgaa lafee cinaachaa jala dhukkuba jechuudha. Alii alii dhagaa afuuffee hadhooftuu godhachuu ni danda’uu..

 

Ittisa dhukkuba tasiboo

 

1.  Ittisi isaa kan filmaata hinqabne mana finca’anii ijaaratanii dhimma itti bahuu fi naannoo ofii qulqullina isaa eeguudha. Qulqullina ofiis akka dansaatti yookiin akka gaariitti eegachuudha.

2.  Warrii mana nyaataa keessa hojjetan yeroo yeroodhaan fayyumaa isaanii mana yaalaa dhaqanii qoramsiisuu  isaan barbaachisa.

3.  Minaan nyaataa akkuma tolchameen nyaachuu yookiin utuu hin nyaatin yeroo baayyee lafa tursuu dhiisuudha.

4.  Nama dhukkuba kanaan qabame mana hakiimii geessanii wallaansa fayyaa argachiisuun misha.

 

Nammi dhukkuba golfaan qabame dhukkuboota mallattoo dhukkuba kanaa wajjin kan wal fakkaatan kan qaban waan jiraniif nammi kun dhukkubi isaa isaaniinis ta’uu ni danda’atii yeroo hundumaa dhukkuba kanaan gadi maqaa dhaahaaman mataatti qabachuu fi yaadachuun barbaachisaa dha. Isaanis

 

1.  Dhukkuba busaa.

2.  Dhukkuba golfaa

3.  Vayrasii irraa kan dhufu dhukkuba tiruu(viral hepatitis)

4.  Ameebaa irraa kan dhufu malaa tiruu keessaa.

5.  Dhukkuba marrummaanii kan layyidaa(qaama gubaa) fidan kan biroo.

6.  Dhukkuba biruseloosis kan jedhamu kan aannan dheedhii dhuguu fi loon, re’e,oolaa akkasuma gala qaqabuudhaan yookiin gogaa horii dhukkuba kanaan du’e qaqabuudhaan kan dhufu. Kana keessatti lafee dugdaa keessa dhukkuba.

7. Dhukkuba dagalee onnee isa keessaa(bacterial endocarditis)

 

Hubachiisa

 

Akkuma kanaan ol jedhame dhukkubi kun kan dhufu bakkee gara afaanitti, jechuun raammoo dhukkuba kana fidu qulqullina nyaataa fi dhugaatii fi naannoo keenyaa waan dhabneef waan nyaannuu fi waan dhunnu wajiin karaa afaanii gara garaa keenyaatti gatii galchinuuf. Haalli akkasii ammo biyya keenya keessa jira. Namooti dhukkuba kanaan qabamanii gidiraa isaanii argani baayyee hedduu dha. Dhukkubsatanii ciisuudhaanis hojjii irraa kan oolan baayyee dha. Of wallaanuunis kan horii isaan baasan hedduu dha. Egaa ilaalaa salphaatti qulqullina ofii fi naannoo ofii eggachuu dhiifamee sababa dhukkuba kanaan hojii irraa cituu fi kan qabanis qoricha dhukkuba kana fayyisuutti baasuun hiyyumaa hiyyumatti dadarbanii barabaraan jiraachuun attam nama gaddiisiisa. Kanaaf hundumtuu mana fincaaanii ijaaratanii itti dhimma bahuun dhukkuba kanas ta’ee kan biro dhukkuboota akka dhukkuba tasiboo kana haala akkasiin dadarbani of irraa dhowwuu dha.

 

Copyright ® 2006 OHPA
  Home            Membership       Current Projects        Activities         Contacts 

  HOME

MEMBERSHIP

PROJECTS

ACTIVITIES

CONTACT

WALDAA OGEEYYII FAYYA OROMOO (WOFO)
OROMO HEALTH PROFESSIONALS ASSOCIATION